Muddee 09,2012 Arba Minc
Gabaasaa Qeerroo yuunivesitii Arbaa Mincii irraa addeessuun Muddee 8,2012 barattootni Oromoo ayyaana Sabaa fi Sab-lammii magaalaa Arbaa Mincitti gaggeeffame waltajjii wayyaanootaa sirba qabsootiin lafa itti dhiitanii fesheleessanii akka jiran qeerroon mooraa sanii gabaasee jira.Sirba qabsootti dabaluudhaan waraqaan dhaadannoo faajjii dhaabaatiin qophaaye bakkeewwan waltajjii isaanitti kan bittimfame yoo tau barattootni oromoo mooricha keessa jiraataan gammachuudhaan wal gayanii mooraa keessatti sirbaniitu jiru. Sirba kanaanis mufannaan wayyaaneedhaa kan jabaate barattoota kana waltajjii isaanii irraa arihuu malanillee waan hin dandeenyeef barattoota oromoof gadi dhiisanii deeman jedha qeerroon mooraa.
Itti fufee qeerroo yuuniversity Adaamaa irraa addeessuun guyyaama ayyaana kanaa irratti barattootni walgayanii sirba qabsootiin waltajii irratti poolisoota moorichaa fi barsiisota oromoo moorichaa akkasuma hojjettoota kaaffewwanii dhalaa dhiira utuu hin jedhin sirba qabsootiin akka dabarsan gabaasaan qeerroo addeessa.