Muddee 03,2012 Jimmaa
Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa kampaasii guddaa(main campus) keessatti baratan qophii Gumiin Dagaagina aadaa,Seenaa fi Afaan Oromoo(GDASAO) Mudde 01/2012 galgala saa 1:00 irraa kaasee hanga 5:00 tti qopheesse irratti gootota ilmaan Oromoo Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti wareegamaniif yaadannoo sammuu daqiiqaa tokkoof taasisan.Qeerroon yuunivarsiitii Jimmaa aadaa fi seenaa keenya guddisuuf wareegama barbaachisaa ni kaffalla,Wareegamtootni ilmaan Oromoo galmee seenaa keessatti bara baraan yaadatamu,shira guddina aadaa fi afaan Oromoo dura dhaabbachuuf taasifamu mara dura ni dhaabbanna jedhanii jiran.Qophiin GDASAO eebbaan akkuma jalqabee yaadannoon wareegamtootaaf taasifameen aadaa fi sirbootni gootummaa hedduumminaan sirbamanii jiran.Sirbootni Kadir Martuu,Nuhoo Goobanaa qophii kana irratti kan dhiyaatan yoommuu tahu jala deemtota diinaa fi diina Qeerroon yuunivarsiitii kanaa garaa gubee jiraachuu qeerroon gabaasa.
Sabboontoti Oromoo hedduumminaan bakka qophiin kun itti qophaae Istaadiyoomii xiqqicha(mini stadium) Yuunivarsiitii Jimmaatti kumaatamaan walitti qabamuun waamicha tokkummaa dabarfatanii jiran.Araarri ABO fi QC ABO gidduutti taasifames Qeerroo yuunivarsiitii Jimmaa haamilee kaasee jira.Qeerroon Yuunivarsiitii Jimmaas qophii GDASAO irratti walitti dhufan Mudde 02/2012 wal arguun dhimma QBO irratti marii gaggeessanii jiran.QBO galmaan geessisuuf waadaa isaanii haaromfachuun QBO kan ittiin tarkaanfachiisan qarshii 150 walitti buufatanii jiran.Qarshii kanaanis waraqaalee dhaadannoo fi barnoottan siyaasaa baayisuun miseensotaaf hiruu fi dhaadannoolee bakkeewwan garaa garaatti maxxansuuf walii galanii jiran.