Alaabaa fi Faajjiin Bilisummaa Oromiyaa Magaalotaa fi Baadiyyaa Gara Gaaraa Keessatti Balali’uu Itti Fufe

Sadaasa 24,2012 Mattuu
Gabaasaa; Sadaasaa 18/2012 Alabaan Addaa Bilisummaa Oromoo Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Mattuu, Gandaa baadiyaa Baarroo’ii Bakkaa Tuulluu Gurrachoo jedhamuutti yeroo lammaaffaaf heddumminaan bakkoota adda addaatti fannifamee kan olee ta’uun gabaafame.Ummaannii Oromoo nannichaa gadii yaa’uun guyyaa guutuu Alaabaa ABO, daawwaachaa kan olee ta’uun Addi Bilisummaa Oromoo dhugumattuu hawaasa keessa jira jechuun gammachuu isaa kan ibsate yeroo ta’u,dargaggoonnii fi dardarri xixiqqaan karaatti yaa’uun walleelee ABO fi WBO faarsu adda addaa sirbaa akka ooluu isaanii gabaafame. Kana malees guttummaa godinichaa keessaattii waraqaaleen Qeerroo ergaa Waamichaa FDG qabuu maxxanfamaafi raabsamaa jiraachuun hubatamee jira. haala rabsaa barruulee warraaqsaa Qeerroo kanaa ilaalchisuun mootummaan Wayyaanee fi jala deemtotaa isaa OPDO gidduuttii wal mormii guddaan dhalachaa jiraachuun dhagaahame,
Kanumaan walqabsisuun mootummaan abbaa irree Wayyaanee bulchaa gandaa Baarroo’ii nama maqaan isaa Tafarii Dababaa jedhamuun ati ABO waliin hidhata qabdaa Ummataas gara ABOtti ijaaraa jirtaa jechuun bulchaa gandaa irraa kaasuun hidhanii dararaa jiraachuun gabaafame

Leave a comment