QABSOON OROMUMMAAN EEGALAMTE,OROMUMMAAN GALII ISII NI GEESSI !

Y(2005)G
Qabsoo Oromoo yeroo dheeraaf gaggeeffamaa jirutti xumura gochuu hanqachuun , waggoota Qabsoon Oromoo itti gaggeeffamaa ture keessa , waan hawwiine dhabnee , waan ofiif hin hawwiine nu mudachaa jiraachu irraa , Ummata Maalii abaarsa qabnaayii ? akka ofiin jedhu taasisee jira. Qabsoon dheerachuu isaaf, sababaa diinaa irra kan ofii keenyaa tau hundatu irratti walii gala. Rakkoo jiru waliin jiraachuun ykn waan hara taaa jiru kana yeroositti qoricha itti barbaachu irra , kabeebsaa deemuun , dheerachuu qabsoo kanaaf sababaa hangafaatii .
Siyaasa keessatti waan hundaa kan caalu, waan nama mudatu irraa barachuudha. Humni waan isa mudatuu fi quunnamu irraa baratee , jabiina isaa itti fufaa, dadhabiina isaa hin sirreeffatiin, eessallee hin gau. dhukkubuma wal fakkaataan dhibamaa jiraata . dhukkuba kana , odooma beektanii maaliif waliin jiraattan ? kan jedhu gaaffii dhaloota haraa taus, bara 2011 walakkaa kaasee, hundeessitoonni Qabsoo Oromoo iffatti walitti himuu fi rakkoo umameef itti gaafatamummaa fudhachuu eegalee, badii umameen gaabbuu fi sirreessuuf waadaa ofii seenuun , kunoo hara, waamicha Biyya kessaa fi alaa isaaniif dhihaateef deebii laachuu eegaluu, ifatti arguun keenya, dhaloota mirga isaaf akka falmatuuf kakaasan, galii isaa itti argisiisuuf murachuun isaanii Ummata Oromoof gammachuudha jedheen fudha.

QQABSOON OROMUMMAAN EEGALAMTE,OROMUMMAAN GALII ISII NI GEESSI !!!.docx

1 thought on “QABSOON OROMUMMAAN EEGALAMTE,OROMUMMAAN GALII ISII NI GEESSI !

Leave a comment