(Qeerroo, Finfinnee, Sadaasa 17, 2012 ) Diddaan Qeerroo yeroo jabaatee jiru kana keessatti, Iluu Abbaa Booraa keessatti Barsiisaa Ababaa Takkaa fi Yuuniversity Finfinnee Keessatti ammo Waardiyonni Oromoo ta’an Warraaqsa Keessaa Qooda Qabdu jedhamuunii Yakkaman.
Godina Iluu Abbaa Booraa keessatti Sadaasa 11,2012 alaabaan ABO magaalaa Mattuu keessatti laallee gara garaa irratti fannifamuu irraan kan ka’e waraanni mootummaa Wayyaanee dargaggoota magaalichaa manneen jireenyaa fi barnootaa keessa deemee doorsisuu irratti akka argamu Qeerroon Mattuu irraa gabaase.
Kana keessatti Barsiisaa Abbabaa Takkaa adda durummaan sochii warraaqsa naannoo sanitti kan gaggeesu siI jechuun waan qabatamaa tokkoon malee mana hidhaa Mattuu keessatti darbanii jiru.
Kanuma waliin Qeerroon Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Mattuu,Cooraa fi Buree FDG itti fufuun guyyuu gaaffi warraaqsaa gaafachaa akka jiran beekamee jira.
Haaluma wal fakkaatuun bulchinsi Yuunivarsiitii Finfinnee Waraqaalee dhaadannoo maxxanfaman waardiyootni dhalootaan Oromoo taan harka keessaa qabu jechuun yakkee qorannaan rakkisaa jira.
Waardiyootni Nuyi wayita kun tahe hin agarre jedhanis isinumatu maxxanse jechuun rakkisaa jira.Qeerroon shira mootummaaf waardiyootni Oromoo tahanis akka hin jilbeeffanne dhaammachuun miidhaa waardiyoota Oromoo irratti dhufaa jiru hirmaachuuf qophii tahuu ibsatu.
Yuunivarsiitii Amboo keessatti Wayyaaneen diddaa barattoota Oromoo irraa itti jabaachaa dhufe dura dhaabbachuuf miseensota basaastota tahan shan shaniin ijaaruuf yaaltus sabboontota Oromoon fashalee jira.
Miseensotni OPDO yuunivarsiitii Amboos mootummaa Wayyaanees fuuldura ergamuun seenaan nama gaafachiisa jechuun diduu isaanii qeerroon gabaasa.