Hojjettooti Mindaa dhorkaman Mormii Bahan; Waraanni EPRDFs Itti Bobba’e.

(Qeerroo, Jaartee, Sadaasa 17,2012) Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee keessatti hojjettootni mootummaa mindaa dhorkaman mootummicha irratti mormii godhan; waraanni mootummaa immoo hojjattoota gaaffii mirgaa gaafatan irratti bobba’ee akka jiru gabaasame.
Mootummaan Wayyaanee Hojjettoota jedhee kan ramadu miindaa gad aanaan hojjechiisuu irra darbee yeroo ammaa kana ammo mindaa dhorkaa jira.

Hojjettootni mootummaa Godina Horroo Guduruu aanaa Jaardagaa Jaartee Kaabinootaa fi dhimma bulchinsaa irraa hojjetan miindaan dhoksaan kan kaffalameef yoommuu tahu barsiisotni,Hojjettooni mana yaalaa marti miindaa dhorkamanii jiran.Hojjettootni kunneen tokkummaan maaliif miindaa keenya nuu hin kennitan jedhanii wayita gaafatanitti miindaan hin jiru.

Kanneen gaafatan duubaan ijaarsa ABO qabdu jedhamuun doorsifamaa jiran.Hojjettootni kunneenis Mormii hiriira nagaa gaggeessanii jiran.Itti gaafatamaaan dhimma Faayinaansii aanaa Obbo Tasfaayee Lammeessaa fi Bulchinsi aanaa Jaardagaa Jaartee dhimma kana irratti deebii kennuu dhiisuun kanneen gaaffii mirgaa gaafatan doorsisuu jalqabanii jiran.

Hojjettootni mootummaa kunneen sirna mootummaa Wayyaanee balaaleffachaa fi dhaadannoo garaa garaa dhageessisuun hiriira nagaa gaggeessaa jiran.Dhaadannoowwan
1. Miindaan keenya nuuf haa kaffalamu
2. Gaaffiin mirga Oromoo haa deebi’u
3. Gaaffii mirgaa gaafanneef hidhamuun haa dhaabbatu
4. Jala deemtotni Wayyaanee beekumsaan nuu ol miti.
5. Barattootii fi hidhamtooti Oromoo hatattamaan haagadhiifaman kanneen jedhan dhageessisuun mormii hiriira nagaa gaggeessanii jiran.

Mootummaan wayyaanees waraana bobbaasuun doorsisaa jira. Mootummaan wayyaanee gaaffii mirgaa gaafanneef hanga deebii gahaa argannuttii fi bilisummaan mirkanaa’utti mormii jabeessanii akka itti fufan dhaamuun ilmaan oromoo Marti miidhaa gahaa jiru kana irratti gumaata barbaachisaa gochuun akka nu cinaa dhaabbattan jechuun dhaammatanii jiru.

Leave a comment