Sabboontotno Barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Haramaayaa fi Naannoo Tika Mootummaa Wayyaaneen Hangamuu Adamfaman guyyaa FDG haalaan Ayyaaneffatan.Basaastotni Wayyaanees tokkummaa barattootaan Abdii kutatan

SADAASNI 9 BARA BARAAN GUYYAA FDG TAHEE YAADATAMA!

Wareegamni qaqqaaliin bilisummaa Oromiyaa raggaasisuuf barattoota,barsiisota,daldaltoota,Qotee bultoota oromoo maraan kaffalamaa ture.Wareegamani gootawwan ilmaan oromoon kaffalaman hanga galiin isaa argamutti qeerroon wareegama kamuu baasee gaaffii mirgaa fi bilisummaa ni gaafata.Barattootni oromoo kanneen akka Gaaddisaa Hirphaasaa,Jaagamaa Badhaanee,Shibbiruu Damissee,Dirribee Jifaar,Mulaatuu Akkasaa,Alamaayyoo Garbaa gaaffii bilisummaa kaasuun diinaan xiiqii qabanii kan wareegaman keessaa muraasa yoommuu tahan bara baraan ilmaan oromoon yaadatamaa hafu.Fincilli diddaa Garbummaa 2005 irraa kaasee yaadatamaa kan jiru gootawwan qaqqaalii diina kuffiisanii kufan yaadachaa yoommuu tahu Yaadannoon waggaa 7ffaa kan bara 2012 Sochii Dargaggoota Biyyooleessaa Kan Bilisummaa fi Dimokiraasii(Qeerroo) dhaan Oromiyaa keessatti qophiilee garaa garaan yaadatamee jira.Guyyaan FDG sadaasa 9 jala bultii sadaasa 8 irraa kaasee haalaan kabajamee jira.Sabboontotni barattoota oromoo yuunivarsiitii Haramaayaa sadaasa 8,2012 hordoffii diinni guyyaa sadaasa 9 irratti gootu jalaa miliquuf ayyaaneffatanii jiru.Barattootni oromoo Muummee Afaan Oromoo baratan addatti guyyaa kana haalaan ilaaluun Ganda Booyyee jedhamtutti qophii jabaa qopheessuun ayyaanessanii jiran.Shira diinaa jalaa miliquufis Sabboontotni oromoo gariin Ganda Aleelee jedhamu deemuun uummata waliin ayyaanessanii jiran.Guyyaan kun guyyaa irbuu haaromfannu jechuun barattootni hawaasa oromootti makamuun marii jabaa godhanii jiran.Basaastotni yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti guyyaan kun eenyuunii fi bakkatti ayyaaneffatamu jala haa buaniif diina irraa dirqama fudhatan tooftaa sabboontotni oromoo fayyadamaniin hojiin isaanii bishaan nyaatee abdii kutanii jiran.Basaasni mootummaa wayyaanee

1. Gammachuu Ukuluu Arsii irraa fi

2. Solomon Laggasee (Salaalee irraa )

jedhaman guyyaa kana irratti waan yuunivarsiitii keessatti tahu akka jala buaniif diina irraa dirqama fudhachuun erga barnoota xumuranii bahanii yuunivarsiitiitti deebiuun isaanii saaxilamee jira.Jarreen kun gocha farrummaa ilmaan oromoo irratti hojjetamu irraa hin dhaabbatan taanaan tarkaanfiin gatii isaanii madaalu akka isaan eeggatu Sabboontotni oromoo yuunivarsiitii Haramaayaa Ibsanii jiran.Jarreen kun tika diinaa mootummaa wayyaanee Kadir jedhamu waliin harka wal keessa naquun akka hojjetanis saaxilamee jira.

Haaluma wal fakkaatuun Barattoota Yuunivarsiitii Haramaayaa Damee saayinsii Fayyaa magaala Harar keessatti argamuun guyyaan FDG yaatamee jira.Barattootni Saayinsii Fayyaa guyyaa FDG sadaasa 9 yaadachuun kan oolan Dungoo diimaa magariisa diimaa ibsuunii fi alaabaa ABO fannisuuni.Barattootni kunneen barsiisota oromoo mana barnootaa gad aanaa fi Koollejjii rift vaalii irraa affeeruun waliin ayyaaneffatanii jiran.Barattoota yuunivarsiitii Haramaayaa Damee lamaanuu quba wal qabeenyaan Guyyaa FDG waliin ayyaaneffatanii jiran.

Waraqaaleen dhaadannoo

1. SADAASNI 9 BARA BARAAN GUYYAA FDG TAHEE YAADATAMA!

2. QEERROON WAREEGAMA KAMUU BAASEE OROMIYAA BILISA BAASA

3. OROMOO KAI YEROON GEESSE!

Jedhan yuunivarsiitii kana keessatti galma(Auditrium),Balbala yuunivarsiitii bakka beeksisni bahu,Koollejjii Veternary Medicine fi Koollejjii qonnaa(COA),Poolii Elektirikii magaala Haramaayaa,Awwadaayii fi Harar keessatti maxxanfamuun jala deemtotaa fi bulchinsa yuunivarsiitichaa yaaddoo guddaa keessa buusee jira.Poolisootni Federaalaa guyyaa kana waardiyoota dallaa qabachuun waraqaalee dhaadannoo kana funaanuuf olii fi gadi fiigaa turuun balbala yuunivarsiitii irrattis sakattainsaan barattoota hiraarsanii jiran.Gaaffiin mirgaa fi bilisummaa hanga galmaan gahutti qeerroon yuunivarsiitii Haramaayaa dirqama isaanii akka bahan guutummaan akka bahan irbuu seenuun qeerroo Oromiyaa maraafis dhaammata dabarsanii jiran.

1 thought on “Sabboontotno Barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Haramaayaa fi Naannoo Tika Mootummaa Wayyaaneen Hangamuu Adamfaman guyyaa FDG haalaan Ayyaaneffatan.Basaastotni Wayyaanees tokkummaa barattootaan Abdii kutatan

  1. haa gaa’uu nagaan koo kan onne irra burqee sabboonottotaa ilmaan oromo tarkanffin yero amma gochaa jirtaan bayyee namattii tolaa.haa taa’uu malee yeroo amma namonnii dhalotaan ,qomoon,biyyan,otuu oromo hintaa’iin namaa oromof hadodee fakachuudhan biyyaa keessaaf Alattii ilman oromottii siqanituu dinaaf basasaa Ajesisaa,qeeirraa Arisisaa jiruu . fakkenyaf godinaa wallagaa anaa jimma raareetti magalaa waayyuuttii kan dhalatef afaan oromo akka garittii kan dubatuu TRAFIK POLICE kan taa’ee OBBO FIQADUU ZALAQA f OBBO SALAMON ZALAQA kan jedhaman abayii comman,Gedo,jimma Geneti,amboo,akkasumas baddiyyashee keessaa waan sirrittii bekaniif yeroo amma kanaa sabbonotaa ilmaan oromo ajesisafi dhabamsisaa jiruu waan taa’eef ofegannofi,ogumma guddan akkaa sochtan jechaa yoo dandeessan immoo iccitidhan damee keessan garaa biyyotaa olla akka,yemen,sudanf sawdarebiyatiis gargarssafi misensotaa keessan akka bayiftan jechaa nagaan taa’aa . oromiyan kan oromotii.

    ________________________________

Leave a comment