Sadaasa 10,2012 Finfinnee
Guyyaan FDG waggaa 7ffaa Oromiyaa keessatti haala ho’aan sabboontota Oromoon yaadatame.Guyyaan FDG wayita yaadatamutti ayyaaneffatamutti miseensotni Qeerroo akeeka wareegamtootaa FDG keessatti wareegaman fiixaan baasuuf waadaa dhumaa seenan.Mootummaan Wayyaanee abbaa irrummaan ilmaan Oromoo wayita rakkisaa jirutti tokkummaan ilmaan Oromoo fi akeeka gootawwan FDG keessatti wareegamanii adda durummaan ibsamuu kan qabu tahuu wal hubachiisuun qeerroon Guyyaa FDG haala bal’aan yaadatee jira.Koreen Hojii raawwachiistuu Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa Kan Bilisummaa fi Dimokiraasii(qeerroo) walitti dhufuun dhimma QBO irratti hojii hojjetamaa jiru irratti marii jabaa gochuunii fi gamaggamuun guyyaa kana yaadachuun kan oolan yoommuu tahu barattootni Oromoo Yuunivarsiitiilee garaa garaa fi manneen barnootaa gad aanaa guyyaa kana haala ho’aan yaadatanii oolanii jiru.Sabboontotni Barattoota Oromoo yuunivarsiitii Finfinnee kiiloo 6,Kiiloo 5,Kiiloo 4 fi yuunivarsiitii Finfinnee Damee Bishooftuu,Barattootni Oromoo yuunivarsiitii Adaamaa,Haramaayaa,Adaamaa,Madda Walaabuu,Miizan Teeppii,Jimmaa,Naqqamtee guyyaa kana walitti dhufuun alaabaa ABO qabachuun,Dungoo diimaa magariisa diimaa fi uffata aadaa uffachuun kan ayyaaneffatan yoommuu tahu manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa fi qophaa’inaa Midaaqeny,Shaambuu fi Tiqur Incinnii keessatti haalaan ayyaaneffatamee jira.Sabboontontni Oromoo guyyaa kana walitti dhufan mootummaan Wayyaanee abbaa irree fi garboomfataa tahuu addunyaatti hubachiisuu irratti haalaan akka hojjetan irratti marii gaggeessanii jiran.Guyyaa kana irratti waraanni mootummaa Wayyaanee ayyaana kana fashalsiisuuf oliif gad fiiganis ayyaanni kun haalaan ayyaaneffatamee jira.Guyyaa Yaadannoo kanaa irratti walaloo,Baacoo fi muuxannoo wal jijiiruun kan yaadatame yoommuu tahu waraqaaleen dhaadannoo
1. Sadaasni 9 guyyaa FDG tahee bara baraan ni yaadatama
2. Mootummaan wayyaanee abbaa irree fi garboomtaa dha
3. Qeerroon wareegama kamuu baasee Oromiyaa ni bilisoomsa
4. ABO gaachana Ilmaan oromooti
5. Mirga keenyaaf wal qabannee haa kaanu
6. Ilmaan oromoo shira mootummaa wayyaaneen adda hin diigamu
7. Sbawwan cunqurfamoo mirga keenyaaf haa kaanu
Kanneen jedhan Magaala Finfinnee keessatti baklka hedduutti maxxanfamuun mootummaa Wayyaanee yaaddoo guddaa keessa kan galche yoommuu tahu Magaala Amboo fi Adaamaa keessatti waraanni Wayyaanee waraqaalee kanneen maxxanfaman kanneen funaanuuf bobba’ee dhama’aa oolee jira.Gudar,Geedoo fi Midaaqeny keessatti manneen barnootaa keessatti barattootni barsiisaan akka hin seenne nuyi guyyaa FDG yaadanna jechuun kan ifaan labsan yoommuu tahu mootummaan Wayyaanee fi jala deemtotni kutannaa fi qindeeffama qeerroo irraa dhufe dura dhaabbachuu dadhabanii jiran.
Koollejjii Odaa bulluq keessatti barattootni Oromoo baratan guyyaa kana haalaan Godina Horroo Guduruu keessatti kan yaadatanii oolan yoommuu tahu manneen barnootaa gad aanaa fi yuunivarsiitiilee hafan itti fufinsaan akka ayyaaneffatan qeerroon golee Oromiyaa irraa gabaasee jira.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!