Qeerroon Bilisummaa lammiilee Sidaamaa Hojjettootaa fi Barattoota ta’an waliin walitti dhufuun dhimma Qabsoo bilisummaa irratti marii godhee milkiin xumure!

Sadaasa 07,2012 Hawaasaa
Hojjettootni mootummaa magaala Hawaasaa keessa jiran hojjettoota Sidaamaa waliin walitti dhufuun dhimma Qabsoo Bilisummaa irratti marii gaggeessan.Mootummaan Wayyaanee uummata biyyattii keessa jiran irratti cunqursaa,hacuuccaa,hidhaa fi ajjeechaan inni gaggeessu tokkummaa uummata cunqurfameen dhaabbata dhaadannoo jedhuun hojjettootni kunneen
marii isaanii kan jalqaban koree gaggeessituu warraaqsaa erga dhaabbatanii jiru.Mootummaan Wayyaanee wayita tasgabbii dhabee fi amanamtoota bara dheeraa isaa irraa amantamummaa dhabetti carraa balaan banamee kan jiru ibsuun hojjettootni kunneen caasaa mootummaa
Wayyaanee ilmaan Oromoo fi Sidaamaa kamuu keessa seenuun jabinaan hojjetamuu akka qaban irratti walii galanii jiran.Dhalatanii duuun wayita hin oolletti diinaaf kurkuraa kan jiraatan hubachiisuun gara Qabsootti akka deebisan irrattis marii jabaa godhanii jiran.

Haaluma wal fakkaatuun Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Hawaasaa fi Barattoota Sidaamaa walitti dhufuun dhimma Qabsoo irratti mariiatanii jiran.Tokkummaan hojjechuun garboomfataa mootummaa Wayyaanee jalaa bahuuf kutannaan hojjetamuu akka qabu walitti dhaammachuun
Yuunivarsiitii Hawaasaa keessatti qofaa osoo hin tahiin yuunivarsiitiilee fi dhaabbiilee barnootaa kam keessatti tokkummaa fi mariidhaan diina waloo of irraa cabsuuf akka hojjetamu irratti walii
galuun ibsa ejjennoo gamtaa armaan gadii kana baafatanii jiru.
1. Mootummaan Wayyaanee diina waloo waan taheef diina keenya gamtaan buqqisnee biyya keenya irratti murteessuu fi bilisummaa uummata keenyaa argamsiisuuf yoomuu kam caalaa hojjechuuf waadaa sienna
2. Hojjettoota mootummaa,Barattoota,Daldalaa,Qotee bulaa mara sabawwan cunqurfamoo ijaaruun,qindeessuun gaaffii mirgaa akka gaafatan ni hojjenna
3. Mootummaan Wayyaanee abbaa irree tahuu hubachuun walitti dhufnee marii kan gaggeessuun seenaan yaadatamee hojii seenaa qabeessa akka tahuuf dirqama keenya haala kam keessattuu ni baana
4. Wayyaanee fi jala deemtotni isaanii hundeen buqqaanii uummatni biyyattii keessaa bilisummaa fi ofitti amanamummaan hanga jiraatanitti qabsoo keenya itti fufna
5. Bilisummaan biyya keenyaa mirkanaaee hidhamuun,saamamuun,ariiatamuun hang dhaabbatu qabsoo jalqabame itti fufna.
6. Ilmaan sabawwan cunqurfamoo mirga isaanii gaafachuuf wal qabatanii lafaa akka kaan irratti hojjenna. Ibsawwan ejjennoo armaan olii kana baafachuun yeroo hundaa bilisummaa mirkaneeffachuuf haala kam keessattuu irbuu tikfachuun akka hojjetan irratti walii galanii jiran.

1 thought on “Qeerroon Bilisummaa lammiilee Sidaamaa Hojjettootaa fi Barattoota ta’an waliin walitti dhufuun dhimma Qabsoo bilisummaa irratti marii godhee milkiin xumure!

  1. Sochiin Orooonni dhuunfaa fi gurmuun gochaa jiran baay’ee nama jajjabeessa. Keessumaayyuu dhummattoota cunqurfamoo hidda Kuush ta’an kan akka ummata Sidaamaa wajjin waliin qabsaa’uu eegaluun baay’ee nama jajjabeessa. Nafxanyoonni/habashoonni ummata Sidaamaa fi Sumaalee ummata Oromoo wajjin walittibuusaa umurii ishii dheereffachaa turtee;jirti. Tarsiimoon habashootaa
    Kun gara fuulduraatti akka fashalaa’uuf ummattoonni cunqurfamoon damaqau qab.

Leave a comment