Godina Shawaa Lixaa Keessatti,Hojjettooti Mootummaa Oromummaan Yakkamuun Hidhaman

Sadaasa 05,2012 Finfinnee

Shirri mootummaa wayyaanee ilmaan Oromoo mana hidhaatti guuruu kan hin dhaabbanne Godina shawaa lixaa magaala Amboo keessatti hojjettoota bulchinsaa kan tahan isin ABO waliin hidhata qabdu,Qeerroo ijaaraa kan jiru isini jechuun mana hidhaatti guuraa jira.Iccitii mootummaa fi karoora mootummaas isintu saaxila jechuun gara mana hidhaa mootummaa Wayyaanee maaikelaawwiitti fudhatamuun dararamaa kan jiran yoommuu tahu isaanis:-

1. Obbo Sintaayyoo Tarrafaa hojjetaa bulchinsaa

2. Obbo Warquu Hambisaa Hojjetaa Bulchinsaa

3. Obbo Biraanuu Fiqiruu Hojjetaa bulchinsaa

4. Barsiisaa Gammadaa barsiisaa Ogummaa fi Teeknikaa yoommuu tahan

Dargaggoo Moosisaa Imaanaa fi Dandanaa jedhaman mootummaan Wayyaanee mana hidhaattu erga ukkaamsitee bakka buuteen isaanii waan dhibameef warri isaanii wayita gaafatanitti mana hidhaattii bahee bade jechuun uummatatti kijibaa jiru.Mootummaan wayyaanee diddaa biyyattii keessatti deemsifamaa jiruun dura dhaabbachuu kan dadhabe yoommuu tahu Poolisoota Oromiyaa irratti diddaa deemsifamaa jiru dura akka dhaabbatan dirqama jabaa itti kennuu odeeffatni Poolisii Oromiyaa keessaa saaxilee jira.Hanga Bilisummaa biyyaa fi Uummata keenyaa gonfannutti wareegama kamuu baafnee gaaffii mirgaa ni kaasna jechuun qeerroon dhaamee jira.

Leave a comment