Lammiileen Oromoo Guyyaa Alaabaa Wayyaanee Kabajuu Didan.Sababa Kanaanis Saboontoti Hidhaman.

Sadaasa 03,2012 Finfinnee

Godina Shawaa lixaa magaala Amboo keessatti mootummaan wayyaanee guyyaa alaabaa hin kabajne jechuun ilmaan Oromoo mana hidhaatti ukkaasaa jira.Lammiileen Oromoo 1. Obbo Tamasgeen Tarrafaa 2. Geetuu Oljirraa Jedhamana tika mootummaa Wayyaaneen yakkamanii qabamuun gara mana hidhaa Wayyaanee magaala Ambootti erga fudhatamanii booda Onkoloolessa 01/2012 halkan saa 7:00tti mana hidhaa sanaa fudhatamuun bakka buuteen isaanii dhabamee jira. Mootummaan Wayyaanee diddaa uummataa jala dhaabbachuu kana dadhabe Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Cooraa keessaa lamiileen Oromoo 1. Sheik Ahmed Mahaadii 2. Ibraahim Ismaael 3. Taaddasaa Gaaromaa 4. Ziyaad Umar Jedhaman namoota maqaa isaanii hin arganne 15 waliin uummata Oromoo keessa deddeemuun uummata waaee siyaasaa barsiisaa jirtu,Qeerroo ijaaraa jirtu jechuun mana hidhaatti ukkaamsanii jiran.Mootummaan Wayyaanee gaaffii mirgaa uummata irraa dhiyaatu dura dhaabbachuu dadhabuun ilmaan oromoo mana hidhaatti ukkaamsaa jira.Qeerroon akeeka gootawwan keenyaa hanga galmaan geenyu shirri Wayyaanee haamilee nu hin kutu jechuun diddaa jabeessaa jira.

Kana maleen Godina Wallaga aanaa Qeellam Anfilloo fi Horroo Guduruu Shaambuu,Gimbii magaalaa fi Innaangoo bakka jedhamuu Oromoonni hedduun guyyaa alaabaa kabajjuu diddan,irreessa Bishooftuu 2012 deemtanii dirqama ABO fudhattanii naannootti deebitanii jirtu jechuun akka hidhaa galan gabaasi naannicha irraa har’a nu gahe addeessa.Maqaa namoota kanaa akka qeerroo gaheen gabaasa.

1 thought on “Lammiileen Oromoo Guyyaa Alaabaa Wayyaanee Kabajuu Didan.Sababa Kanaanis Saboontoti Hidhaman.

  1. Yaa ilmaan oromoo waraabessi madaayee hanga lubbuun baatutti gadoo jabeessa, kaanif kaan ciniinaa,kuni amaluma isaanitíi hanga rabbiin isaan madeesse kararraa isaan kaasutti abdii hin kutatinaa..

Leave a comment