Sabboonticha Artist Adinaan Mohammad. Irreessa 2012

Onkoloolessa 02,2012 Finfinnee

Ayyaana Irreessaa Bishooftuu baatii  Fulbaana 30,2012 keessa ta’e irratti mootummaan Wayyaanee sochii Qeerroo bilisummaa Oromoo ukkaamsuuf jecha yaaliin inni hin godhiin hin jiru,Dargaggoota Oromoo 150 ol yeroo hidhu,poolisoota Federaalaa fi naannoo Oromiyaa keessaas namoota hedduu sochii kana duubaan jirtu jechuun akka hidhee ture beekama. Suuraalee fi Video gariin gartuu median Qeerroo kaasan mootummaan irraa saamame,sabboontotiin hedduun godhchaa Wayyaanee kanatti yeroo mufatan sochii Qeerroon taasise iggitii itti gochuu hin dandeenye.

Haaluma kanaan guyyuma kana Qeerroon qindoomina jabaa godheen qophii sabboontotiin Oromoo Hoteela Obbo Warquu Biqilaatti qopheessan irratti argamuun gahee Oromummaa fi waraaqxummaa bahee jira. Addatti ammoo Warraaqtoti Artistooti Oromoo kanneen akka Dirribee Gadaa,Adinaan Mohammad,Hacaaluu Hundasaa fi kan dhihoo hidhaa diinaa keessaa bahe sabbootichi Kadir Martuu baadii Saglan Booranaan qindaawanii dirqama Oromummaa irra jiru bahanii jiru. Walleelee warraaqsaan miseensota Qeerroo fi ummata Oromoo gammachiisuun dhaamsa tokkummaa dabarsanii jiru.

Guyyaa kana diinni ni qaanawe,sabboontoti hangamuu hidhaman,roorroon irra gahe iyyuu haamleen osoo hin cabiin diddaa fi jibba mootummaa Wayyaaneef qaban muldhisanii jiru.

Qeerroon guutuu video fi suuraalee gara fuula duraatti bifa DVDn Oromiyaa fi biyyoota alaatti akka tamsa’uuf irratti hojjechaa jira.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!

4 thoughts on “Sabboonticha Artist Adinaan Mohammad. Irreessa 2012

  1. Woyyaneen abdii rabbi wajjiin ni burkutawaa bilissummaan ilmaan oromoo fi umatni oromoo hawwaa ture ni dhufa . Bakka jirtanitti tokkummaa uumaa yaa ilmaan oromoo qabsoon itti fufa mootummaan abboo irree tplf ni kufa

  2. Dhiiro, Oromoonni biyya jiran jabatchaadhuma jiru. Kan laaf warra biya bilisoome keessa jiranii dha. Keessattu warra amma illee amaaraa fi Tigiree jala fiiganii dha. Sirbi guyyaa irreechaa Adnaan irratti qooda fudhate kan gootummaan, sodaa malee godhameedha. Yoo akkasitti Oromoon qabsooti fufu, bilisummaan ni dhihaatti. Bilisummaa Ummata Oromoof!!, Hin jifatnoo!!

Leave a comment