(Qeerroo, Finfinnee, 26 Onkoloolessa 2012) Miidhaa fi roorroon saba Oromoo fi ummatoota cunqurfamoo irra gahaa jiru haga hin dhaabbannetti, diddaa fi fincilli roga hundaa tinnisee akka itti fufu Qeerroon dhaame.
Tuutni Qeerroo ayyaana horfoftoota amantaa Musiliimaan guyyaa har’aa kabajaa jiru sababeeffachuun dhaamsa dabarsan keessatti “yeroo ummati keenya mirga amatii isaa sarbamee ajjeefamaa jiru kanatti teenyee ilaaluun seexaa dhabuu dha,” jedhanii jiru.
Qeerroon waraqaa warraaqsaa godinaalee fi kutaa magaalaa adda addaa keessatti bittimse keessatti qabsoo fi dhaadannoo adda addaa qopheessuun akka ummati gamtaadhaan socho’ee humna wayyaanee ofirraa buqqisan hubachiisanii jiru.
Dhaamsi Qeerroo kun magaalaa Finfinnee keessatti, halkan edaa sa’a 11:00(Local Time) irraa kaasee waraqaa dhaadannoo fi asxaalee diddaa fi fincilaa garagaraa, mooraa yuuniversitii Finfinnee kiiloo 6,4, fi 5 akkasuma koollejjii Alkan University College,mana barumsaa qophaayinaa minilik kiiloo 4tti kan argamu,koollejjii medical Finfinnee, naannoo uummanni oromoo baayinaan jiraatu kan akka Gullallee,Shiro Meedaa.Faransay,Makkanniisaa,Saaris,Buraayyuu fi kkf keessatti ifatti maxxanfamee jira.
Gama hordoftoota amantaatiinis, har’a istaadiyeemii Finfinnee keessatti sirna ayyaanichaa erga kabajatanii booda waraqaalee bifa keelloo (Yellow) qabatanii, kanneen biroon ammo huccuu gaddaa gugurraacha mataa isaanitti marachuudhaan dhaadannoo “Gaaffiin mirgaa gaafanneef maalif hidhamnaa?Dhugaan keenya hamma yoomitti dhokata? Yaa ALAH dhugaa keenya nuuf deebisi!,diina keenya nurraa kaasi!” jechuudhaan dirree sanaa kaasanii hamma magaalaatti bahanii dhaamsa gamtaa dabarsanii jiru.
Akkasumas Godina Jimmaa, magaalaa fi mooraa yuuniversitii Jimmaatti Qeerroon amantaa musiliimaa hordofan waraqaalee fincilaa waajjiralee OPDO fi mooraa keessatti mamaxxansuu fi bittimsuu isaanii Qeerroon gabaasee jira.
Waraqaaleen halkan bittimsame kunis hidhattoota Wayyaanee rifaasisuudhaan ganama obboroo irraa kaasanii tikoonni Wayyaanee magaalaa Jimmaa keessa uummata musilimaa gidduuttii fi naannoo University heddumminaan buufatanii sochii namaa hordofaa oolan.
Kana malees, Qeerroon Godina Harargee fi Dirre Dhawaa irraa akka gabaasetti, hawaasti diddaa fi fincila isaanii ifatti mul’isanii jiru. Keessaayyuu, uummanni godinichaa diddaa isaanii keessatti pirezidaantii naannoo Harariin “ati nu hin bulchitu,” jechuudhaan jeequmsa kaasanii jiru.
Diddaa fi fincilli Qeerroo fi ummataa kun sirna kabaja ayyaana kanaa waliin walqabatee, godinaalee Arsii, Gujjii, fi magaalaa Haromaayaa keessatti uummata Oromoofi saboota biroo dadammaqsuun akka ummanni harka walqabatanii qabsoo isaanii tinnisan hubachiisanii jiru.
Qeerroon godinaalee addaddaa keessa jiranis, ayyaana Musiliimaa kana waliin walqabsiisanii dhaamsa gamtaan dabarsan keessatti, hawaasti bakka jiru irraa barattoota, dargaggootaa fi sabboontota Oromoo waliin qabsoo isaanii otuu walirraa hin kutiin akka finiinsan dhaamanii jiru.
Dhaamsi diddaa fi fincilaa darbaa jirus, barreeffamaa fi sirbootaan kan dhaadhessamaa jiru yoo ta’u, sirboota qabsoo Oromoo fi waraqaa dhaadannoo darban keessatti, “Barri kan Oromoo Lafti kan Oromoo,Tokkummaan kaanee Of Irraa Kaasna Roorroo; Jabaadhu Ilmoo Oromoo;” jechuun barreessanii maxxansaa oolanii jiru.’
Akkasumas waraqaan Qeerroo bakkeewwan adda addaa keessattuu godinaalee Arsii keessatti heddumminaan akka tamsaasamee jiru gabaasaan achirraa nuuf ergame addeessaa jira.
Guyyaa har’aa kanas magaalaa Finfinnee keessatti waraanni Wayyaanee qophii asii fi achi kaachuudhaan hidhannoo isaanii guuttatanii uummata nagaa shororkeessaa jiraatan iyyuu, bakkaa bakkatti, naannoodhaa naannootti guuramaa jiraatanis, sagalee fi diddaa ummataa dhiibaa fi mandi’aa jiru dhaabuu fi ukkaamsuu akka hin dandeenye miira diddaa ummataa kan arge, gabaasaan Qeerroo hubachiisee jira.Qabsoon itti fufa!!Gabrummaan ni kufa!!


