Guyyaa Har’aa Godinni Jimmaa Mormii Sirna Wayyaaneen Dhunfatamuu Irraan Mootummaan EPRDF Muddama Seene

Gabaasaa Onkololeessaa 26,2012 Jimmaa

Ayyaannii Idaal Fatir Godinaa Jimmaattii Mootummaa Abbaa Irree Wayyaanee Balaaleffaachuun kabajame, Waraqaleen Warraqsaa Sirna Ayyaanaa Hawwaasaa Musilimaa Hundaa ilaalatuu kana irraattii Facaafaman, Waraqaaleen kunis Mirgii Amantaa Keenyaa nuf , Mirgii Dhala namoommaa Nuf haa kabajamuu, Mootummaan Abbaa Irree Nu hin bulchuu kan jedhuu fi kkf ta’uun hubatame, Sochii Sirna Ayyanaa kana Kabajachuun wal qabatee Godina Jimmaa, Magaalaa Jimmaa Keessaattii Ummaannii Fi Dargaggeessii sagalee diddaa dhageesisuun Kan kabajamee ta’uun isaa hubatame, Ayyaannii Kun haalumaa Walfakkaatuun Godinaa Jimmaa Aanotaa Akka Mannaa Magaalaa Yabbuu, Goommaa Magaalaa Aggaaroo, Shabee, Deedoo, Saqqaa, Geeraa, Limmuu Gannatii, Limmuu Shaayii, Asseendaaboo, Fi Sokkorruu fa’ittii Sagalee Diddaa Dhageesisuun kan kabajamee Ta’uu Gabaasni kallaattii Hundaa irraa Nu gahaa jiruu Ifaa godhee jira. Sodaa Ummataa Irraa qabuu irraa ka’uun Mootummaan Abbaa Irree Humnotaa Waraanaa of harkaa qabuu Humnaa Ol Bobbaasee Ummataa Egaa Kan Olee ta’uun hubatame . Suuraawwaan Armaan Olii Kan Loltotaa Wayyaanee Ummataa Gooluuf bobbaafamanii fi kan Ummataa Sagalee Diddaa Dhageesisaan kan magaalaa Jimmaa irraa fudhatamedha.

This slideshow requires JavaScript.

Leave a comment