Godina Jimmaa Magaaala Jimmaa Malkaa Deeddeetti Ayyaanni Irreessaa Sirna Howwaan Kabajame.Qeerroon Dhaamsa Warraaqsaa Walii Dabarsan.

Onkoloolessa 22,2012

Jalbultiin Ayyaanaa Irreechaa Guyyaa Onkololeessaa 20/2012 Oromoonni sabboontoti  magaalaa Jimmaa fi  gototaa Barattotaa Oromoo University Jimmaatiin Malkaa Deeddeettii jalbultiin godhameen haala howwaa fi mirqaansaan ayyaanicha kabajatan.

Itti fufuun Onkololeessaa 21/2012 Sirnaa haalaan miidhagaa ta’een Oromoonni kumaatamaan irratti argaman kabajamee jira. Sirnni kabajannaa kun kan kabajames dura buutota gototaa Barattootaa Oromoo Moraa University Jimmaatiin kan gaaggeeffaamaa ture yeroo ta’uu, Sirna kana irraattii Walaloon Oromummaa Leellisuu sochii qabsoo Oromoo fi rakkoo saba Oromoo irra jiru kan muldhisu dhihaatee jira. Sirbonnii  akka

” Yaa baala tuufoo …..Oromoo ABO, Laggasaa , Daawud fi Bultum Biyyoo nuuf  wayyaa nuufoo……”.

jechuun Gototni baratootaa Oromoo Gutummaa Magaalittii dhunfachuun Maalummaa Ummataa Oromoo, Sabaa fi Sablammii Magaalaa Jimmaa keessaa buufattee barootaa dheeraa jiraachaa turtettii himaan.

Har’a Oromummaan ol ka’ee, qeerroon Oromoo Barsisotaa fi Baratootaa Mooraa University Jimmaa Jiraan Oromuummaa Leellisaan tokkummaa farfataan, Bilisummaa hawwataan, Sirbotaa akka Ijollee Oromoo sii Abdadhuu laataa akkamiinii akka hayyuun Jedhee, akka WBO’n jedhee saniini, jechuun iddoo meeqattii wal kutuun, gareen kan immoo sirbotaa Akka ” Homaa Ofee jamaamaa koo Homaa ofee [ Saba Oromoo Qabadheettan,Hayyuu Oromoo Waammadhetaanm Warraa Harargeettii Himadheetaanm Warraa Amboo Wammadheettan Warraa Wallaaggaattii Himadheetan,Arsii Balee Kaafadheetaan, Warraa Kaabaa rukutetaan Tokkummaadhaaf na maraachaa] Homaa ofee jamamaa koo Homaa Ofee” jechuun Qeerroowwaan Baratootaa Oromoo Sirbotaa Labsii Bilisummaa fi Warraaqsaa Waallisuun Sirnichaa Haalaa Baay’ee Miidhagaa Ta’een kabajatan,

Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee Sodaa Sirna kana irraa qabuu irraan kan ka’ee poolisotaa humnaa Ol bobbaasuuyyuu sochiin goototaa baratootaa Oromoo mooraa yuuniversiitii Jimmaa Pooliisotaa dhalotaan Ilmaan Oromoo ta’an dhiisee alagoota Oromoof naasuu hin qabne bakka sanitti bobbaasuun Ayyaanicha bittimsuu fi barattoota doorsisuuf guddoo dhama’an illee tokkummaa barattoota Oromoon ayyaanichi milkaawuu dandayee jira.

 

 

Leave a comment