Ayyaana Irreecha Malkaa Ateetee Burraayyuu Irratti Sabboontoti Oromoo Alaabaa ABO Uffattan Jedhchuun Yakkaman

Onkoloolessa 16,2012 Finfinnee

Mootummaan Wayyaanees gaaffii mirgaa uummatni gaafatu karaa nagaa deebisuu irra hidha,ajjeesa,biyya irraa fi hojii irraa ariia.Birraa baranaa ammo mootummaa EPRDF kan mudate waan addaa taheera.Ilmaan Oromoo Ayyaana irreechaa irratti Alaabaa ABO qabachuun sirna bulchiisa Wayyaanee balaaleffachaa dhaadannoo garaa garaa dhageessisan.Ayyaana irreechaa buraayyuutti Onkoloolessa 14/2012 gaggeeffame irrattis qeerroon waraqaalee dhaadannoo garaa garaa maxxansuun uummata Oromoo dammaqsaa fi mirga isaaf akka dhaabbatu taasisuu irratti qooda guddaa kennee jira.Waraqaaleen dhaadannoo

1. Wayyaaneen sagalee cunqurfamtootaa fi ummata haqa qabuu dhagahuuf qophii waan hin taaneef bulchiinsi isaa yerootti dhumachuu qabu dha.

2. Qeerroon qabsoo karaa nagaa mirga argachuuf jalqabe aarsaa kamuu baasee Oromiyaa ni bilisoomsa

3. Qeerroon irbuu uummata irraa fuudhe galmaan ni gaha

4. ABO gaachana ilmaan Oromooti

5. Lama duuun salphina

Kanneen jedhan maxxanfamanii jiran.Mootummaan wayyaanees gocha Qeerroo kanaan kan baarage ilmaan Oromoo ayyaana irreechaa kana irratti argaman isin miseensota ABOti jechuun namoota 25 ol mana hidhaatti ukkaamsee jira.Ilmaan Oromoo nagaa mana hdihaatti ukkaamsaman garii keessaa hammi tokko maqaan

Lakk Maqaa Godina Aanaa Hojii
1 Mootummaa Hamsaaluu Waaqjiraa Finfinnee Gullallee Hojii dhabaa
2 Ashannaafii Sambataa Finfinnee Buraayyuu Barataa yuunivarsiitii Finfinnee
3 Biqilaa Taaddalaa Jiraataa Shawaa lixaa Wal maraa Ogummaa fi teeknikaan kan eebbifame
4 Girmaa Isheetuu Shawaa kaabaa Garba gurraachaa Barataa kutaa 10

Kanneen jedhaman addattti mana hidhaa Wayyaanee Maaikelaawwii keessatti darbamanii jiraachuun beekame.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa

Leave a comment