Onkoloolessa 08,2012
Godina Wallagga lixaa aanaa Ayiraa keessatti wal dhabinsi dabballoota Wayyaanee fi milishoota gandaa jabinaan itti fufee jira.Mootummaan Wayyaanee yeroodhaa yerootti diddaa qeerroodhaa itti qabsiifamaa ture dura dhaabbachuuf ilmaan Oromoo mana hidhaatti guuraa kan ture ammas daran jabeessuun dargaggoota Oromoo doorsisaa jiran.Dabballootni Wayyaanee
1. Isheetuu Damissee
2. Fiqiruu Admaasuu
3. Darajjee Tashoomee
4. Nigusee Tasammaa
5. Badhaasaa Mokonnon
Jedhaman ilmaan Oromoo naannoo kanaa keessumaa dargaggoota meesha Wayyaanee mormitanii sirnicha balaaleffattaniittu waajjira bulchinsaatti fincila gaggeessitanii jirtu jechuun ilmaan Oromoo doorsisaa jiru.Haala kanaan dargaggoo Daanieel Taaffasaa kan jedhamu yeroodhaa gara yerootti hidhaan rakkisaa jiru.Dargaggootni naannoo kanaa mootummaan Wayyaanee shira kamuu xaxxu nuyi gaaffii mirgaa kaasuun dirqii dha.QBO galmaan gahuuf gaaffii mirgaa gaafachuu irraa haalli kamuu duuba akka isaan hin deebisne ibsatanii jiran.