Gabaasa Ayyaana Irreecha Bara 2012
A. Seensa
Ayyaanni Irreechaa kan bara kanaa yeroo ummanni Oromoo mirga isaa deeffachuuf falmaa maayyii irratti argamutti waan kabajameef haamilee fi xiiqii guddaadhaan ayyaaneffatame. Ayyaanni irreechaa Fulbaana 30, 2012 Sadarkaa Oromiyaatti Hora Harsadiitti wayita kabajamee ooletti ilmaan Oromoo, keessayyuu qeerroon haamilee fi xiiqii muulatee hin beekneen golee Oromiyaa mara irraa walitti dhufudhaan jala-bultii irraa eegalee magaalaa Bishooftuu sirbaa fi dhiichisaan dirrisiisaa turan. Sochii kanaanis deeggartoota fi jaallattoota QBO hunda mirqaansisaa oolan; diina immoo mataa gadi cabsanii dachii itti golgoleessan.
Ayyaanni baranaa dargaggoon/Qeerroon/ Oromoo Bilisummaa saba isaa fi Walabummaa Oromiyaa deebifachuuf hangam qophii akka tae kan agarsiise ture. Hoggansa humna kana qindeessee Bilisummaa fi Walabummaa dhugoomsuuf oolchu daranuu jabeessuun immoo dhimma yeroon itti hin liqeeffamnee taha.