Onkoloolessa 7,2012 Finfinnee
Wal gahiin koree gidduu galeessaa OPDO magaala Adaamaa keessatti guyyaa afuriif deemsifame wal dhabdee fi wal diiggaan xumurame.Yeroo ammaa kana keessatti mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo caasaa kam keessaa illee amantamummaa irraa kan dhabe Miseensotni OPDO ABO waliin hojjechaa jirtu,Yaadaa fi Hojiin ABO waliin jirtu jechuun namoota amantamummaa irraa qaban gara aangootti baasuu fi aangoo irraa buusuun wal dhabdee fi wal mormii irra turanii jiran.Koree gidduu galeessaa OPDO keessattis yeroo dheeraa kan hojjetes Juuneddiin Saaddoo hojii irraa ariiuun kanneen biroo gara hojii raawwachiistuu KG OPDOtti fidanii jiran.Isaanis
1. Abarraa Haayiluu itti gaafatamaa miidiyaa Oromiyaa irraa buee gara Koree gidduu galeessaatti
2. Nuuree Qamar itti gaafatamaa Harargee irraa gara Hojii raawwachiistuu KG OPDOtti
3. Solomoon Kuchuu Itti gaafatamaa kaaba shawaa irraa gara KG OPDOtti
4. Abdulqaadir Mohaammed itti gaafatamaa Arsii irraa gara KG OPDOtti
Kan dhufan yoommuu tahu mootummaan wayyaanee namoota irraa amantamummaa qabdu duwwaa waliinis marii dhoksaa gaggeessaa kan jiru yoommuu tahu kanneen amantamummaan isaanii irraa hanqate irratti murtii siyaasaa fi seeraa murteessuuf olii fi gadi kaachaa jiraachuun saaxilamee jira.Mootummaan Wayyaanee shira meeqa xaxus QBO hanga galmaan gahutti qabsoon jabinaan akka itti fufu miseensotni qeerroo murtii dhumaa dabarfatanii jiru.
OPDO N YEROO ISAANII GUBUU IRRAA QABSOO BILISUMMAA OROMOOTTI DABALAMUUN MURTOO OROMUMMAA TI
KANAAF UTUU ADUUN HIN IYYIIN SEENAA OROMOO KEESSATTI WAAN TOKKO HOJJETAANII ARI’AMAN GAARII DHA
AKKA JUNADIIN SADOO GARAAF DHALATEE GARAA ISAATIIN ARII’AME
SEENAAN ISA DHIYOO YAADATU BIYYA AUSTRALIA-MELBOURNE TTI SALAPHATEE DHUMNI ISAA MANATTI GALUUN DHUFE
IOU
G3
Diinaaf hojechuun dhumni isaa kana ta’a. Warrii kaan kana irraa barachuutu isaanirra jira. Nurra hin ga’u jedhanii ta’anii salphina eegachuun isanirra hin jiru.
yaa oromo ka’ii laafa mirga ketif faalmadhu oromiyaan ni bilissoomttii shakki hin qabu!!
galani opdo mana hidha oson tahin dua qofa. Way OPDO dhumti kee akam tahu dema? garaa keetii jecha aka farra fon ke ofira nyatee. dhala oromo sif dhabamu dide male aka ketin sil qoqorte. way way wan hojatan wayni isini ha debisu. wan isin nu gootan minilik oromon goone. OPDO Oromoo miti gara isanitu bilisomsun dandesu.sababni isas wali qabama dabeysa wan tahanif. kanafu isan abdachura nafxanya abdachu caala
Gabaasa kanarraa akkan hubadhetti, mootummaan wayyaanee akka sodaafi raafama guddaa keessa jiru akkasumas, waliigalteef amantaan gidduu oggaantoota wayyaanee akka hin jirreen hubadhe. Haa ta’uttii haala qabatamaa yeroon mijeessee kanatti fayadamudhaan , ummatni oromoo bakka jiru maratti harka wal qabatee yoo fincile salphatti walabummaa keenya deebifannee bilisummaa keenya labsachuu ni dandeenyan jedha.