“Akkasii miti akka WBOn jedhe sani”
Gabrummaan hammaatee roorroon fala fidnaan sabboonti Oromoo kitilaan lakkaawaman mirgaa eenyummaa fi biyyummaa Oromoof jecha wareegama qaqaalii kafalaa yoonaan gahanii jiru.Qabsoo hadhaawaa baroota dheeraa godhame keessatti karaa nagaa mirga Oromummaa fi abbaa biyyummaa argamsiisuuf carraaqii Oromoon godhe waan laayyoo hin turre,milkoomminni qabsoo karaa nagaa argachuun biyya Ethiopia jedhamu keessatti abjuu ta’uu irraan kan ka’e qabsoo hidhannoo itti fufee roorroo saba ofii irraa falmuuf gootonni Oromoo qabsoo godhaa akka jiran beekamaa dha. Har’a abdiin saba Oromoo fi gaachanni ummata Oromoo WBO dha.Kun ammoo ummata Oromiyaa keessaa fi kanneen biyya alaa jiraniif abdii fi wabii dha.
Yeroo ammaa Oromoon akka sabaatti mirga isaa kabachiisuu hin dandayu mirga Oromoof wabii ta’ee kan argamsiisu warra TPLF ykn ammoo Gimbot 7 jechuun jaarmota halagaa jala deemuu diduun Oromoon Oromiyaa jiru guutummaatti halagaa jala deemuu mormuu fi diddaa sanii dhageessisuuf jecha Oromoota mirga Oromoo halagaa jalaan arganna jedhaniif dhaamsa video kana irra jiru dabarsanii jiru.
Innis kan jedhu ” Akkasii miti akka WBOn jedhe sani” jechun Oromoon saba of dandayee fi ittisa qabu ta’uu isaa irreecha Bishooftuu Onkoleessa 30,2012 irratti mirkaneessani jiru.