Hidhamtooti Oromoo Haala Rakkisaa Keessatti Ayyaana Irreechaa Kabajachuun Gabaafame.

Gaafa Fulbaanaa 30/2012 Hidhamtoonnii Oromoo Mana Hidhaa Qalliittii Zoonii garaagaraa keessaa jiraanii fi Mana Hidhaa Aqaaqii Keessaattii Argaman Ayyaana Irreechaa Kabajatan,Kabajaa Ayyaana Irreechaa kanaan wal qabatee namoonnii hedduun loltoota Waayyaanee hidhamtotaa egaa jiraniin dorsifamaan, Keessaattuu warra sirnaa Ayyaanichaa irraattii adda durummaan dubbatanii fi akka kabajaataniif haala mijjeessaaniin mootummaan Waayyaanee isiin akka hidhamtoonnii cabsanii badaaniif haalaa mijeessaa jirtu jechuun dorsisaa jiraachuun gabaafame, Haalumaa wal fakkaatuun hidhamtonnii Oromoo mana hidhaa Ziiwwaayitti hidhamanii jiraan guyyuma Irreechaa kanaa Ayyaanaa irreechaa wayita kabajatan mirgi akkasii isiniif hin kennaamne jechuun poolisonnii sirnicha hidhamtotaa doorsisuu irra darbanii dararaa akka jiran beekame. Haata’uu malee cichoominaa fi dura dhaabbaannaa hidhamtotaatiin kabajachuu danda’aniru.

Haala kana keessatti hidhamtoonni dhaamsa dhaammatan keessatti yaa ilmaan Oromoo jabaadha,hidhaa fi ajjeechaan qabsoo irraa nu hin deebisu,tokkummaa keessan cimsaa yoo jabaanne ni bilisoomna. fi kkf dhaamsa dhaammachuu isaanii gabaasi achi irraa dhufe addeessa.

Leave a comment