Onkoloolessa 5,2012
Godina Wallagga bahaa aanaa Giddaa keessatti diddaan ilmaan Oromoo itti fufuun wal dhabdeen Poolisoota federaalaa ummata dararuuf bobba’anii fi Poolisoota Oromiyaa gidduutti uumame.Poolisootni Federaalaa naannoo kanatti bobba’an Poolisii Oromiyaa fi Bulchinsa gandaa kan tahan wayita walitti bu’insi ilmaan Oromoo fi Uummata Beenishaangul Gumuz bu’insi turetti isintu meeshaa waraanaa Oromootaaf kenne jechuun qorannoon rakkisaa jiran.Qorannoo kanaanis Poolisiin Oromiyaa gurra hin kenninu jechuun wal dhabdeen uumamee jira.Haala kanaanis Poolisootni Federaalaa Komaander Asaffaa Gannatii kutaa qorannoo yakkaa kan tahe Tika mootummaa Wayyaanee naannoo kanaa Shallamaa jedhamu waliin qorannoon rakkisaa jiran.Miseensotni Poolisii Oromiyaas kanaaf bakka hin kenninu jechuun diddaa mul’isaa akka jiran gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.