Onkoloolessa 3,2012 Mattuu
Diddaa biyyattii keessatti deemsifamaa jiruun wal qabatee Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Haluutti diddaan barsiisota sadarkaa lammaffaa dhalate mootummaa Wayyaanee cinqe.Wayyaaneen TPLFs diddaa kana dura dhaabbachuuf barsiisaa Takiluu Biinee fi hojjettoota hedduu mana hidhaatti ukkaamsee jira.Aanaa Buree keessattis hojjettootni mootummaa Gammachuu fi Dagafaa jedhaman mootummaa wayyaaneen qabamanii ukkaamsamanii jiru.Aanaa Bachoo keessattis ilmaan oromoo 15 sababa amantiin kan wal qabate murtii tokko malee mana hidhaa keessatti rakkachaa jiraachuun isaanii ni beekama.Mootummaan Wayyaanee diddaa kana dura dhaabbachuuf hidhaa fi hojii irraa ariiuu itti fufus hanga bilisummaa qeerroon gaaffii mirgaa kaasuu duuba akka hin deebine qeerroon naannoo kanaa dhaamee jira.