Viidiyoo Ayyaana Irreechaa Irratti Diddaa Oromoon Muldhisee, Qophii Qeerroo Jala Bultii Irrattii fi Waraanni Wayyaanee Uummata Rakiisu Kan Mul’isu

Qophii jala bultii irreecha Bishooftuuf Qeerroon dursee bakkichatti alaabaa Oromoo fannisuu fi waraqaalee warraaqsaa Qeerroon barreefame maxxansuu fi ummanni kan hiratu qindeessee qopheessuu ture,haalli kun guyyaa jala bultii isaa milkiin xumurame,ummanni Oromoo malkcha gahe ganama isaa yeroo alaabaa argu guddoo gammade,gammachuu keessa darbee sirboota WBO fi ABO faarsuun ayyaanicha haalaan howwise. Wayyaanonni haala kanatti daran aaranii dargaggoota hidhaatti guuran iyyuu kanneen hafan dhiichisaa fi shubbisaan gootota Oromoo faarsuu fi ABO faarsuutti fufan. Videoleen waraabaman gariin rakkoo network biyya Itophiyaa keessaaf akka babaachisetti nuu maxxanuu haadidu iyyuu malee jala jalaan maxxansaa deemna.



Leave a comment