Ayyaana Irreechaa fi Diddaa

(Qeerroo, Finfinnee, 1 Onkoloolessa 2012) Ayyaanni Irreechaa bara 2012 sirna hoo’aa fi miidhagaan kabajamee jira; Qeerroon Oromiyaas sirna kana irratti haga Bilisummaan Oromiyaa mirkanaa’utti qabsoo maraalessa finiinsuuf waadaa waliif seenanii jiru.
Ayyaana kana irratti dhiibbaan guddaa karaa mootummaa godhamus, Qeerroo fi sabboontoti Oromiyaa dhimmoota murteesoo ta’an milkeesuu fi ayyaanicha akka hin gufanne gochuu irratti hojiin boonsaa hojjatamuusaa Qeerroon dabalee inbsee jira.

Leave a comment