Qeerroon godina Baalee aanaa Ginniir walitti dhufuun dhimma QBO irratti marii’atan.QBO galmaan geessisuuf adda durummaan akka hojjetan ejjennoo fudhatan.

Fulbaana 08,2012 Ginniir

Godina Baalee aanaa Ginniir keessatti dargaggootni Oromoo walitti dhufuun dhimma qabsoo irratti marii jabaa taasisan.Ilmaan Oromoo Baalee keessatti QBOf wareegama qaqqaalii kaffalaa turuun isaanii fi itti jiraachuu yaadachuun akeeka Qabsaaota Oromoo galmaan geessisuuf wareegama barbaachisaa dargaggootni kaffaluu qabu jechuun marii gaggeessanii jiran.Dargaggootni aanaa kanaa ganda gandaa walitti qabamuun marii erga godhanii booda ibsa ejjennoo armaan gadii baafatanii jiru.Ibsawwan ejjennoo kun
1. Wareegama barbaachisaa kaffaluun gaaffii mirgaa gaafachuu irraa duuba hin deebinu
2. Seenaa gootota keenyaa Bilisummaa ilmaan oromoof wareegaman yaadachaa akeeka isaanii galmaan ni geenya
3. Oromiyaa mara keessatti sochii qeerroon itti jiru ni barsiifna
4. Humnaan,Dinagdeen,Beekumsaan QBO ni tumsina
5. Miseensota OPDO barsiisuu fi hubachiisuun ofitti dabaluun qabsoo bilisummaa Oromoo galmaan ni geenya
6. Saaminsa lafaa,albuudaa kan mootummaa garboomfataan raawwatamaa jiru dura ni dhaabbanna
7. QBO dirqama oromummaa tahe haala kam keessattuu ni baana
8. Hanga QBO galmaan gahutti wareegama barbaachisaa kaffallee waadaa ni tikfanna kanneen jedhan yoommuu tahu Qotee bulaa,daldalaa,Hojjettoota mara hammachuun gaaffii mirgaaf deebii argachuuf kutannaan akka hojjetan murtii irra gahanii jiru.

Leave a comment