Fulbaana 02,2012
Gabaasaa Qellem,aanaa Anfilloo ganda Yatti Koonqii irraa addeessuun Fulbaana 02,2012 dabballoonni Wayyeenee ona kana keessa jiran ummata Oromoo naannoo kana jiraatu humnaan gadda Mallasaaf bahaa jechuun ganda irra milsihoota bobbaasuun yeroo dubartootaa fi da’ima hiraarsanitti ummata gara qonnaa fi magaalaatti deemaa jiru ammoo karaa irra dhaabbatanii huna nageenyaan reebaa gara walgahii gaddaa deemaa jechaa turan.
Humni nageenyaa OPDO namoota Rufaa’el Raappiloo dabballee OPDO gandicha keessa,Wandimmuu Maammoo gara walgayii isaanii adeemsisuuf ummata dirqisiisaa yeroo turanitti ummanni naannoo kanaa guutummaatti diddaa isaa muldhisuu fi dura dhaabbannaan gara mana isaatti akka deebi’ee gale gaabaasi nu gahe addeessa.
Haala kana irraa ka’uun sabboontota Oromoo isinitu ummata kana qindeessee ilaalcha ABO waan qabaniif jecha ummanni akka gadda Mallasaa hin baane godhe jechuun eda mana hidhaatti geessaan keessaa
1.Hiikaa –qote bulaa ganda sanaa kan ta’anii fi
2.Dabalaa-barataa ganda sanaa,
Yeroo jedhaman diddaan ummata ganda kanaa amma illee itti fufee jiraachuu gabaasi nu gahe addeessa.
Gama biraan gabaasaa har’a godina addaa naannoo Finfinnee aanaa Sulultaa ganda Gorfoo jedhamu irraa addeessuun,guyyaa gaafa duuti muummicha ministeeraa Mallasaan beekamee kaasee sirna gadda isaaf kutaalee biyyattii Itoophiyaa keessatti uummata dirqisisuudhaan gadda dirqamaa godhamaa jiraachuun isaa akkuma beekame, ganda kana keessatti dabballoonni OPDO ta’an, sirna awwaalcha isaaf gandicha keessatti dunkaana dhaabanii uummanni yaa’ee gadda isaa nama kanaaf akka mul’isuuf kan godhan akkuma beekamu, halkan edaa uummanni gandicha keessa jiraatan dunkaana gadda Mallasaaf dhaabate diiganii balleessuu isaanii gabaafame.kana malees mukeenii fi wanneen dunkaanni kun ittiin dhaabate uummanni iti dabalee ganama har’aa bakkaa isa dhabamsisanii akka jiran gabaasaan ganda sana irraa addeessee jira.Itti fufanii dargaggoonni gandichaa Faradoo gulufsiisuudhaan qabsaa’ota oromoo fi bebbeekamoo gootota hedduutu jira kan Oromoon dhabee jiru jechuudhaan,waqaraa bifa alaabaatiin barreessanii mukeenitti fannnisuudhaan baatanii Faradoo gandicha keessa gulufsiisaa akka oolan gabaasaa dabalataa addeessa. Kanneen gadda nama kanaa ibsachuuf fedhii qaban gandicha gadi dhiisanii galma isaa deemanii gadda isaanii haa beeksifatanyyuu malee uummataa fi dargaggoota ganda sanaa duratti hedduu jibbamuudhaan tuffatamanii yeelloodhaaf gandichatti deebi’uuf sodaa uummata kanaan kan ka’e gara qe’ee isaanitti halkan kana akka galan gabaasaan addeessa.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!