Fulbaana 02,2012 Finfinnee
Godina Iluu abbaa Booraa keessatti qeerroon diddaa jabeessaa jira.Aanaa Mattuu,Cooraa,Buree fi Noonnoo Sallee keessatti waraanni mootummaa wayyaanee diddaa qeerroon jabeeffamaa dhufe dura dhaabbachuuf fiigaa jiraachus milkii dhabee jira.Haala yeroo ammaa soda mootummaa wayyaanee mudate waliin wal qabsiisuun waraanni mootummaa Wayyaanee Gadda Mallasaaf yaaaa jedhus uummatni didee jira.Aanaa Cooraa keessattis qeerroon waraana mootummaa wayyaanee soda malee UUMMATNI OROMOO MIRGA ISAA FALMACHUUF KAUUN AMMA dhaadannoo jedhu hedduumminaan maxxansuun uummatni akka dammaqinsaan falmu taasisanii jiran.Dhaadannoon kun bakkeewwan hedduutti kan maxxanfame yoommuu tahu waraanni mootummaa wayyaanee dargaggoota oromoo hojii dhabdummaan jiraatan kan maxxanse isini jechuun hidhaa fi doorsisaa jira.Dargaggootni Oromoo
1. Naasir Abdii
2. Ziyaad Nuuruu
3. Abdallaa Huseen
4. Magarsaa Baqqalaa
Jedhaman waraana mootummaa wayyaaneen yakkamuun mana hidhaatti kan ukkaamsaman yoommuu tahu,Qeerroon naannoo kanaa hidhaan diddaa jabeessa malee hin laaffisu jechuun itti fufanii jiran.Haaluma wal fakkaatuun Kaabinootni aanaa Buree dargaggoota oromoo doorsisaa jiran.Jala deemtotni mootummaa Wayyaanee
1. Obbo Tasfaayee Waggaa bulchinsa aanaa Buree
2. Obbo Darajjee Kabbadaa Kaabinee aanaa
3. Obbo Geetaachoo Xaaloo dhimma nageenya aanaa
4. Obbo Siisay Ilminee reporter aanaa
Jedhaman mootummaa wayyaanee waliin tahuun ilmaan oromoo doorsisaa jiran.Qeerroon naannoo kanaa yeroon ammaa yeroo itti tokkummaa jabeessuun mootummaa abbaa irreetti aduu dhiisan waan taheef akka qabsoo qeerroon gaggeeffamaa jirutti dabalaman waamicha dabarfatanii jiran.
Haaluma wal fakkaatuun Oromiyaa keessatti dargaggootni oromoo sadii tahanii akka hin dhaabbanne dhorkamaa jiran.Mootummaan wayyaanee dargaggootni oromoo gaaffii mirgaa wal tahuun ni kaasu soda jedhuun dargaggoota waliin dhaabbatan waraana bobbaasuun akka bittinnaaanii fi qorataman godhaa jira.Godina shawaa lixaa magaala Amboo,Gindabarat,Ginc,Gudar,Kaachis,Hoolota,Sabbataa, fi Godina Horroo Guduruu magaala Shaamboo,Jaardagaa Jaartee,Godina Wallagga bahaa aanaa Limmuu,Giddaa fi Godina Iluu abbaa booraa keessatti haalli kun hammaachuu irratti argama.