Mootummaa EPRDF Waggoota 20 Boodas Araadi Ummata Hiraarsuu Irraa Hin Dhaabbanne

Hagayya 30,2012 Finfinnee
Jidduu kana du’a Muummicha Ministeeraa Mootummaa Wayyaanee Mallas Zeenaawwiin wal qabsiisuun EPRDF saboota biyyattii humnaan gaddaaf akka yaa’anii fi kan gadda muummichaa irratti hin rgamnes adabbiin ykn tarkaanfiin akka irratti fudhatamu ololuun ummata doorsisu gochaan isaa kun uummata Oromoo biratti fudhatama dhabuun diddaa dhalaa jira.Godinoota Oromiyaa addaa addaa keessatti humnaan ummata yaasuuf kan karoorfate milkaayaa hin jiru.
Haaluma wal fakkaatuun Godina Qeellam Wallaggaa aanaa Ashii keessatti waraanni mootummaa Wayyaanee dargaggoota rifeensa guddisan isin miseensa ABO ti jechuun yakkuu jalqaban.Aanaa kana keessatti Wayyaanee humnaan ummata gadda yaasuuf kan karoorfates fashalee jira.
Gama biraan aanaa Limmuu magaala Galiilaa keessatti uummatni gaddaaf dirqiin hin baanu jedhe.Dargaggootni naannoo kanaa diddaa jabeessuun waraana mootummaa wayyaanee uummata doorsisuuf bahe jala dhaabbatee jira.Walumaa galatti humnaan gadda baasuuf kan mootummaan Wayyaanee yaalaa jirus siyaasa mataa isaa tarkaanfachiisuuf akka ta’e beekama. Addatti Hagayya 30,2012 Oromiyaa godinoota Shawaa lixaa,Harargee lixaa,Arsii aanaa Siraaroo keessatti diddaa uumee jiraachuu isaa gabaasi nu gahe addeessa.

Leave a comment