(Qeerroo, Finfinnee, 19 Hagayya 2012) Diddaan hawaasa Musliimaa biyyattii keessatti finiinaa jiru daran jabaachaa dhufuun gama tokkoon hawaasa diddaa gaggeessu yoo jabeessu, gama biran immoo humnoota wayyaanee hedduu rifaafsisee akka jiru hubatame.
Qeeroon guyyaa har’aa magaalaa Finfinnee bakka addaddaatti argamee akka gabaasetti, ummaati biyyattii gamtaadhaan mormii fi diddaa isaa sodaa tokko malee dhageessifachuun sadrakaan qabsoo fi diddaa gara olaanaatti akka guddate agarsiisa jedhamee jira.
Hawaasni Musliimaa miliyoonaan lakkaa’amu Laga Haar Istaadiyoomiitti walitti qabamuun erga salaatee booda mootummaa wayyaanee balaaleffatee jira.
Waraanni wayyaanee, fi Poolisiin Federaalaa yaa’uun diddaa sana akka dhaamsuuf dirqamani itti kennamus, diddaan ummataa hedduu gudddaa waan tureef dhaabbatanii ilaaluu malee waan tokko illee gochuu akka hin dandeenye hubatamee jira.
Hawaasni Musliimaa dhaadanoowwan
1. Miseensotni keenya kanneen hidhaman haa hiikaman
2. Sagaleen keenya haa dhaga’amu
3. Amantiin keenya nuuf haa kabajamu
4. Mootummaan dhimma amantii keessa seenuu hin qabu
5. Rabbi malee mootummaan jabaa miti kanneen jedhan dhaadannoo dhageessisanii jiran.
Yeroo gara mana isaaniitti deebi’anis Markaatoo,Piyaassaa,Tekle Haayimaanot,Qaallittii
walumaa galatti kutaa magaala Finfinnee mara keessatti dhaadachuun sagalee dhageessisanii jiran.
Diddaa wal fakkaataan Kutaalee Oromiyaa bakkeewwan hedduutti kanneen akka Mattuu, Baalee, Shaashimannee, Ijaajjii fi Harargee keessatti dhalachuun mootummaa wayyaanee muddee jira.
Mootummaan wayyaanee gaaffii mirgaaf deebii kan hin deebisne taanaan diddaan daran jabaatee akka itti fufu waadaas walii seenuun Addunyaan sagalee isaanii akka dhaga’us dhaammatanii jira.
Sochiin dargaggoota Biyyoolessaa Kan bilisummaa fi Dimokiraasii, yookana Qeerroon Bilisummaas gaaffiin mirgaa hordoftootni amantaa Musliimaa gaafatan diddaa qaama farra garbummaa tahuu irra deebiin hubachiisuun, hawaasti marti amantii, naannoo fi gosaan otuu walhin qoodne gaaffii mirgaa dhugoomsachuuf akka hawaasa Musiliimaa cinaa dhaabbatan dhaamsa dabarsee jira.
Injifannoo uummata oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

