(Qeerroo, Finfinnee, 19 Hagayya 2012) Guyyaan har’aa ayyaana soomii hiikaa hordoftoota amantaa musiliimaatiin walqabatee diddaa fi mormiin guddaa adeemsisame.Ayyaana guyyaa har’aa kabajameen dahachuunis, hordoftoonni amantaa Musiliimaa waraqaa dhaadannoo wayyaanee balaaleffatu barreessuudhan mormii dhageessisaa oolanii jiru.
Keessayyuu, bakka sagada isaanii, staadyeemiitti Finfinnee keessatti ganama obboroo sa’a 12:00 irraa kaasanii dhaadannoo sirna wayyaanee balaaleffatu dabaree dabareedhaan walharkaa fuudhanii dhageessisaa oolanii jiru.Dhaadannoo guyyaa har’aa dhageessisan keessaas gariin
-Tokkuummaan keenya itti haafufu,
-Rabbi iyya keenya nuuf haafuudhu,
-Yaa rabbi gabrummaa nurraa kaasi,
-Diina keenya yeellaasisi. kan jedhuu dha.
Diddaan akkanaan staadiyeemii sana irraa erga kaasanii hamma magaalaa guutuu Finfinnee keessatti sodaa fi ija laafina tokko malee waraana wayyaanee qaanessannii oolan.
Diddaa kana irrattis, Qeerroon Waarraqsa saba bal’aatti akka ce’uu fi gaffii biyyooleessaa akka ta’uuf jecha hirmaannaa jabaa kan agarsiise yoo ta’u, qooda fudhannaan kunis waraqaa qabsoo kanaan wal qabsiisee saba Oromo achi keessa jiraniif qopheessee hirudhaan namonni kunis waraqaa kana qabatanii dirree kanatti bahanii akka diddaa isaanii dhageessisan gochuun isaanii beekamee jira.This slideshow requires JavaScript.
. |
Duraan dursee nagaan koo kan oromummaa qilleensa irraan bakka jirtan hundatti isin haa qaqqabu kabajamtoota sabboontota ilmaan oromoo hunda akkam jirtu nagaa keessanii ergan jedhee booddee nagaa koo gabaabduu kanatti aansee waazntin jechuu barbaadu **Egaa yeroo dheeraa lammummaa keenyan gabroomfatamaa turree ammas amantiin gabroomfamuu irraa waaqayyo nu haa baraaru jechuun barbaada.sunis gabrummaa baroota dhibbaantamaa fudhannee biyyuma keenya irratti lammii lammaffaa ta’uudhaan jiraachaa kan turre yommuu ta’u ammas karaa amantiitin kan nutti deemaa jiru fudhachuun waanuma hin taane ta’uu isaa irra deddeebi’ee dubbachaan ture ammas dubbachuun barbaada.