(Qeerroo, Finfinnee, 19 Hagayya 2012) Diddaan hawaasa musliimaa biyyattii keessatti finiinaa jiru daran jabaachaa dhufuun hordoftootni amantaa musliimaa guyyaa hiikkaa Sooma Ramadaanaa irratti mootummaa wayyaanee balaaleffatan.
Oduun roga addaddaa irraa Qeerroo dhaqqabaa jiru akka hubachiisetti, hawaasti Musiliimaa miidhaa fi dhiibbaa mirga isaanii irra gahaa jiru karaa hundaan falmachaa jiran.
Akka kanaan guyyaa har’aa dhaadannoolee garaa garaas dhageessisanii, mootummaa wayyaanees balaaleffatanii jiran.
Gabaasaan Finfinnee keessaa walitti qabame akka mul’isutti, guyyaa har’aa hiririi guddaan Soomaa hiikaa hawaasaa Musilimaatiin wal qabatee dirree masqalaattii Magaalaa Finfinnee steediyeemii guddichaattii gaggeeffamee jira.Sagantaa guyyaa har’aa kana irratti ummaataa miliyoonaa 6 ol ta’u kan hiramaate yoo ta’u, hirriirrii mormii gaggeeffaame kunis miidhaa fi hammeenya baroota digdamman darban saba biyyattii irra gahaa turee, keessa keessa immoo ukkaamfamee adeemaa ture akka ta’e kan ifatti mul’isee dha.
Hiriirri kun hordoftoota Amantaa muslimaa Maagaalaa Finfinnee qofaan utuu hinta’iin, jiraattoota Magaalaa Finfinnee, Qeerroo, sochii Bilisummaa fi warraaqsa Bi ummataa Oromoo fi hawaasaa kutaa biyyaattii garagaraa irraa walittii dhufuun sagaleen mormii guddaan dhageessifamaa jira.
Kessaattuu, dhaadannooleen “hidhamtoonnii siyaasaa biyyaattii haa hiikamaa, Koreewwaan Hoggaansaa Amantaa musilimaa badii tokkoo malee hidhamaan haa hiikaman, Juctice, Freedom, Unity,” kan jedhu bal’inaan dhageessisamaa oolanii jiru. Kan malees, “gaaffiin keenyaa deebii haa argatuu, Filannoon yoo dhugaan jiraatee fi hoggaantoonnii muslimaa hiikaamaan innii iyyuu masjidaattii gaggeeffaamaa malee kanaan boodaa filaannoon keenyaa abbaa irree dhabamsifnee walabummaa argannee amantaa keenyaa gaggeeffaachuudha, dimocracy dhugaan biyyaa keenyaaf ni barbaachiisaa dha,” jechuun diddaa olaanaa dhageessisanii jiru.
Haala kana ilaalchisuun Mootummaan wayyaanee humna Waraanaa kumaatamattii lakkaa’amuu magaalaa Finfinneettii bobbaasuun ummaataa goolaa haa jiraatu iyyuu malee, ummati garuu sodaa fi bir’uu tokko malee mormii isaa dhageessisaa oolee jira.


Mootummaan woyyaanee mormii kallattii adda addaatiin irraa gaa’aa jiru irraa waan dandamatu hinfakkaatu;dhihootti kufuun isaa hin oolu. Haata’u malee kufaatii Woyyaaneen booda waan dhufuu danda’u hinbeeknu. Humna waraanaa mirga oromoo eegsisu ijaaraa turuu qabna. Meeshaa woraanaa dhoksaa dhoksaan loosnee Oromiyaa seensisuudhaan qophoofnee taa’uu qabna. Ummata keenya dhoksaa dhoksaan leenjisnee meeshaa hidhachiisuu qabna. Kufaatii Woyyaaneen booda Oromiyaa bilisoomsuu ka dandeenyu biyya alaa teenyee raadiyoo fi inteneetiitiin oduu tamsaasuu qofaan miti. Waa’ee ummata keenya sirriitti hidhachiisuu irratti harka lafajalaan ammumaan hojjechuu qabna. Woyyaanonni OPDO fi ANDM irratti olaantummaa akka qabaattu kan godhe meeshaa woraanaa isaan Tigraayi irratti dhoksaatiin tuulaa turanii fi ummata ka biraa ammoo humnaan hidhannoo hiiksisaa turuu isaanii ti.