Qeerroon Amboo walitti dhufuun dhimma qabsoo irratti erga marii’atanii booda ibsa ejjennoo lafa godhatan.

Hagayya 17,2012 Amboo

Hidhaaa fi ajjeechaan haamilee nu cabsuu hin danda’u jechuun Hagayya 16,012 Qeerroon Amboo walitti dhufruun dhimma qabsoo oromoo irratti marii baldhaa taasisan.Qeerroon Amboop wareegama dargaggootni oromoo qabsoo oromoo irratti gumaaataa turaanii fi itti jiran yaadatanii jiran.Gaaffii mirgaa gaaafachaa jirru irratti wareegama barbaachisaa ni kaffalla jechuun qeerroon Amboo ibsa ejjennoo armaan gadii lafa kaaa’atanii jiran

  1. Gaaffii mirgaa gaafannu jabeessinee itti fufna
  2. Dirqama oromummaan nutti kenname haal duree tokko malee ni baana
  3. Diina keenyaa yoomuu ni mormina,Hanga Injifaanoos wareegama barbaachisaa kaffaluun ni mormina
  4. Saaminsa lfaa maqaa Investimentiin nutti dhufe ni mormina,Jalas ni dhaabbanna
  5. Sabawwan Cunqurfamoo waliin tahuun diina waloo irratti qabsoofna
  6. Ilmaan oromoo mana hidhaatti dararamaa jiraniif Adunyaatti ni iyyanna
  7. Bilisummaa biyya keenyaa saffisaaan dhufaa jiru dabarsinee aalagaaaf hin kenninu
  8. Akeekaa fi Gumaa gootawwan keenyaa ni baafna

Kan jedhan baafachuun qeerroo Oromiyaa bakkeewwaan biroo jiran irratti jabinaan akka hojjetan irratti walii galanii jiran.

1 thought on “Qeerroon Amboo walitti dhufuun dhimma qabsoo irratti erga marii’atanii booda ibsa ejjennoo lafa godhatan.

Leave a comment