Ayiraa Gullisootti dabballootni Wayyaanee hedduu cinqamuun ilmaan Oromoo hidhaa jiru.Waraqaaleen dhaadannoo hedduumminaan maxxanfame!

Hagayya 17,2012 Gullisoo

Godina wallagga lixaa Gullisoo keessatti dabballootni mootummaa wayyaanee ilmaan oromoo maqaa miseensota ABO jedhuun hidhuu itti fufanii jiran.Jiraataa Kabroon Diillaa gogolaa kan tahe Obbo Tarfaasaa Jireenyaa jedhaman qabamuun mana hidhaa Wayyaanee Gullisoo keessatti reebamaa jira.Qeerroon naannoo kanaa hidhaa fi doorsisa mootummaa Wayyaanee jala dhaabbachuun waraqaalee dhaadannoo bulchinsa Gullisoo fuulduratti bittinsanii jiran.Waraqaalee hedduumminaanis gara gandaatti raabsuun mootummaa wayyaanee dhiphisuu irratti argamu.Dhaadannoowwan

1. Diinaaf hin jilbeeffannu

2. Garboomfataan kufa

3. Oromia shall be free

Jedhan qalama diimaa magariisa diimaan barreeffamuunii fi kompiteraan barreeffamuun hedduumminaan raabsamanii jiran.Mootummaan wayyaanee gocha kanaan kan baarage halkanii guyyaa dargaggoota oromoo hojii dhaban isin miseensa keenya hin taatanii jechuun kadhaatti seenuuf dirqamee jira.Uummatni naannoo kanaas wal gahii wayyaanee guutummaan guutuun lagatee jira.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Leave a comment