Hagayya 15,2012 Shaashamannee
Biyya uummatni abbaa irreen jilbeeffamee bulu keessatti guyyaa uummatni tole jedhee bulu hi jiraatu.Abbaa irree of irraa ittisuufis ciisee hin bulu.Mootummaan Wayyaanee aangoo abbaa irrummaan erga qabatee booda uummata Oromoo fi carraan wal fakkaataan isaan mudate yeroodhaa yerootti hidhuun,saamuun,hojii irraa arii’uun,biyyaa arii’uun waan barame dha.Uummatni Oromoos hidhaa fi ajjeechaan haamilee nu hin cabsu jechuun yeroodhaa gara yerootti FDG gaggeessaa ture.Har’as daran jabeessuun mootummaa Wayyaaneetti xumura gochaa jira.Wwayyaanees gaaffii mirgaa uummatni Oromoo gaafatu yeroodhaa yerootti hidhaan deebii kenna.Haalli kun yeroodhaa gara yerootti hammaachaa dhufuun hordoftootni amantaa musliimaa Oromoo tahan isin ABO dha,Akeeka ABO fiixaan baasuuf deemtu malee gaaffii amantii gaafattu miti jedhamuun Godina Arsii Shaashimannee dhaa tika mootummaa Wayyaaneen yakkamuun mana hidhaatti darbamanii jiran.Ilmaan Oromoo
1. Sheik Sultan Ibraahim qotee bulaa naannoo magaala shaashimannee
2. Ziyaad Usmaan daldalaa fi
3. Dargaggoo Jamaal
Jedhaman tika Wayyaaneen qabamanii mana hidhaatti darbamanii jiran.Namootni kunneen wayi sooma ramadaan keessa jiranitti mootummaa wayyaaneen kan yakkaman yoommuu tahu Wayyaaneen diddaa gama hundaan isa muddaa jiru dura dhaabbachuu dadhabee olii fi gadi fiigaa fi ijibbaata nama gama hidhaatti funaanaa jiraachuun isaas beekamaa dha.