Hagayya 12,2012 Gabaasa Qeerroo Beegii
Hagayya 11,2012 milishoonni gandaa fi ummanni Oromoo aanaa Beegii ganda GAbaa Dafnoo jedhamu keessa jiraatan walitti bu’uun miidhaa geessisuu qeerroon gabaase. Sababaan walitti bu’iinsa kana kaasees sabboonta Oromoo naannicha jiran maqaa maadhee ABO dha jedhuun mootummaan Wayyaanee yakkee waan hidheef jecha ummanni akka warri hidhaman gadhiifamaniif jabeessanii gaafatan haala kanatti kan rifatan milshoonni gandaa ummata of irraa deebisuuf jecha meeshaa waraanaan waan sodaachiseef jecha ummanni meeshaa mana keessaa qabu mara fudhatee of irraa ittisuuf jecha bahe.
Haala kanaan walitti bu’iinsa ta’e keessatti milishoonni Wayyaaneef ergaman keessaa namni 10 gara malee yeroo madaayan kanneen hafan naannicha gadhiisanii baqachuun ummanni lafa walitti bu’iinis kun itti ta’e Gabaa Dafinoo lukkee irraa bilisa baafachuun gammachu dhibsate.Haalli kun kan ta’e ganama keessaa sa’aa 11:00AM irratti ta’uu qeerroon gabaasa. Haalli kun akkas ta’ee yeroo oolu galgala humni waraanaa Wayyaanee heddumminaan birmannaa taasisuun naannicha qubatee ummata nagaa mana irra deemee goolaa akka jiru beekame.
Guutummaa sochiin kanaa faana bu’ee akka gabaasu Qeerroon addeessee jira.