Ummanni Godina Addaa Naannoo Finfinnee Anaa Sulultaa Irraa Buqe’e Lafa Irraa Saamame Gamtaan Falmachuuf Murteeffatan

Hagayya 13,2012 Finfinnee
Gabaasaa Godina Addaa Naannoo Finfinnee,Aanaa Sulultaa Ganda Akaakoo Manabbichi irraa Hagayya 12 addeessuun dhimmoota saamamina lafaa fi buqa’iinsa ummataan wal qabsiisanii ummanni walitti dhufuun Hagayya 11 walgayii guddaa godhatanii jiru. Uummanni walgayii kana irratti argamanis namoota 220 akka ta’an qeerroon ganda Akaakoo Manabbichi addeessa gabaasa.
Walgahii walitti dhufuun godhatan irratti uummanni murteeffatee ka’e lafa keenya yeroo adda addaatti samamenii fi kana ammaan booda samamuuf ykn buqa’iinsi nurra gahuu maraaf inveesiteroonni mootummaa kamiinuu waliin walii galanii yoo dhufan, warshaan fedhes irratti haadhabatu,manneen akka kondominyeemis haata’u ijaarsa garagaraaf mootummaa abba irree waliin kan walii galee gara keenya dhufu dura dhaabbanna malee lafa keenya irratti falmachuun haqa keenya waan ta’eef amma irraa gurmuun hawaasaa fi tokkummaan ummataa barbaachisa kan jedhuun walii galanii akka jiran qeerroon gabaasa
Akkasuma ona kana keessatti ganda Galaanoo Soboraa jedhamu keessa dargaggoonnii fi uummanni ganda kana keessa jiraatu guyyaa dargaggoota Addunyaan wal qabsiisanii barnootaa fi gorsa waliif kennaa akka oolan qeerroon gabaasee jira. Keessumaa gorsi isaanii kan irratti xiyyeeffatu jimaa irraa wal dhorkuu, buttaa, quunamtii seeraan alaa, wal kabajuu, daandii kamiinuu gadda uummata keenyatti dhufu dura akka dhaabbannu,seer-luga Afaan Oromoo wal barsiisuudhaan,Aadaa Oromoo wal yaadachiisuun,qabsaa’ota darban seenaa isaanii kaasuun yaada keessa wal bulchaa,kanneen kana fakkataniin guyyaa kaleessaa walgayii kanaan akka xumuran, akkasuma QBOttis hirmaannaa akka godhan qeerroon isaan waliin jiruuf waadaa isaanii akka haaressan uummanni ganda kana keessa jiru, uummanni 532 ta’u waadaa kana galuu isaanii gabaasaan addeessa.

3 thoughts on “Ummanni Godina Addaa Naannoo Finfinnee Anaa Sulultaa Irraa Buqe’e Lafa Irraa Saamame Gamtaan Falmachuuf Murteeffatan

  1. Dhirroo ha jabanuu male guddaa dubachoofi yeroon nafi hin gahuu? Yaada kessaanif guddaa galatooma yeroon yeroo gaari isinif ha ta,uu! gorsaafi yaada isini irayi barbada! isini jaladha!!

  2. YAA LAMMII GAAFIIN MIRGAA UUUMAMAMAAN QABNU ENYU IYYUU DEEBII HIN KENNU INNI TOKKO QABEENYAAN NU SAAMEE DUUROME NUTI YOO HIYYOOMNE GABROOMUUF HALA MIJA’AA TA’EEF BILISUMMAA KEENYAAF HUNDI KEENYA TOKKUMMAAN HAA KAANU!
    YEROON BILISUMMAA AMMA DHIYAATEE MITII REE!!
    G3

Leave a comment