Mootummaan wayyaanee gaaffii mirgaa isa cinqu dura dhaabbachuuf ilmaan Oromoo Jumlaan hidhuu amma illee hin dhaabne . Diddaanis itti fufe!‏

Hagayya 13,2012 Dirree Daawa
Erga mootummaan wayyaanee aangootti bahee uummatni oromoo guyyaadhaa guyyaatti sababa oromummaa isaaf hidhamaa turuu fi ittis jiru ifa guyyaa saafaati.Oromootni Oromiyaa keessa naanna’uun hojii dhuunfaa yoo hojjetan dabballoota ABOti,WBOtu gale maqaa jedhuun yeroodhaa yerootti hidhamu.Odeeffata wal fakkaatuunis ilmaan oromoo hojii dhuunfaa isaanii hojjechuun magaala Dirree Dawaa keessa jiraatan
1. Dargaggoo Efreem Waaqoyyaa wallagga bahaa irraa
2. Dargaggoo Tashaalaa Fiqaaduu Wallagga bahaa irraa
3. Dargaggoo Turii Badhaasaa Amboo irraa
Magaala Dirree Dawaa keessatti hojii daldalaa hojjechuun osoo jiraachaa jiranii isin eessaa dhuftan? Dirree Dawaa keessaa maal hojjettu? Isiniin ABOtu leenjisee as isin galche jedhamanii yakkamanii mana hidhaa mootummaa wayyaanee Dirree Dawaa keessatti ukkaamsamanii jiran.Haaluma wal fakkaatuun Godina wallagga lixaa Gullisoo keessaa ilmaan oromoo
1. Obbo Nugusee Tasammaa
2. Obbo Margaa Jaalal
Jedhaman mootummaa wayyaaneen isin ABO nurra ijaartu jedhamanii yakkamuun mana hidhaatti darbamanii jiran.Hidhaa fi ajjeechaan mootummaa wayyaanee irraa daran jabaachaa dhufus qeerroon diddaa magaala Finfinnee,Amboo,Mattuu,Jimmaa,Shaambuu fi Dirree Dawaa keessatti haalaan jabeessee qabuun mootummaa wayyaanee cinqaa jira.

Leave a comment