Hagayya 10,2012
Godina wallagga bahaa aanaa Haroo Limmuu bakka darbaa jedhamutti waraanni mootummaa wayyaanee abdii kutannaa irraa kan kae,tarkaanfii uummatni oromoo naannoo kanaa yeroodhaa yerootti waraana mootummaa wayyaanee irratti fudhatuu fi Qabeenya investerootaa irratti fudhatamaa jiruun kan baarage namoota nagaatti seenuun reebaa jira.Bakka Darbaa jedhamu kanattis abbaa maatii Obbo Mohaammed Husen jedhamanitti halkan cabsanii seenuun ati ABO dha,ABO nyaachistee obaasta,Waraanni ABO meeshaa waraanaa si bira kaawata jechuun hedduu reebanii booda rasaasaan miila rukkutanii jiran.Namoota olla Obbo Mohaammedis isin Waan Mohaammed Huseen hojjetu beektu baasaa jechuun reebanii jiran.Waraanni mootummaa wayyaanee gowwummaan dirqama abbaa irree wayyaanee irraa fudhateen gara jabinaan uummata oromoo irratti tarkaanfii gara hammeenyaa fudhatus diddaan dachaan akka idau qeerroon naannoo kanaa addeessee jira.