Wallagga Onaa Haroo Limmuu Keessatti humni Addaa WBO Injifatnoo Irratti Injifatnoo Goonfachaa Jira. Ummaanis diddaa Jabeessee.

Hagayya 11,2012 Giddaa Ayyaanaa

Hagayyaa 10,2012 Onaa Haroo Limmuu Bakkaa Darbaa Jedhamuttii Waraannii Wayyaanee Ummataa maeeshaa maleeyyii itti dhukaasaa baneen miidhaan gara lachuu irraa haagahu iyyuu malee humni addaa WBO haala kanatti dhaqabuun waraana wayyaanee haleeluun naannicha irraa akka bahan taasisee jira.

Haaluma kanaan har’aa Ganaamaa sa’a 12 irraattii Humni Addaa WBO waaranaa Wayyaanee bakkaa Darbaa jedhamuu qubattee jirtuu irraattii tarkaanfii haxxee hidhuu fudhachuun namotaa sadii madeessuun tokkoo gutummaattii dhabamsiisee jira, loltonnii Wayyaanee dhabamsifaman:

1.Damxoo Siiyyuum

2.Waldeebiraan Aseeffaa.

Nami tokkoo immoo kan maqaan nu hin geenyee madaa’anii akka jiran gabaasi nu gahe addeessa.

Tarkaanfii Gotichii humni Addaa WBO Godinaa Dhihaa Oromiyaa fudhateen warannii diinaa keessaa namni Xiilaahuun Ayaaloow  jedhamuu du’aan adaabamuun gabaafame.Kanaan wal qabatee waraanni Wayyaanee ajaja sodaan guutame fudhatee naannichatti kan bobba’e irratti WBOn weerara dhukaasaa sa’aa lamaa oliif wal irraa osoo hin citiin gaggeessee jira.

Haaluma kanaan ummata Oromoo nagaa irratti WBO gargaartu jechuun ummata Oromoo nagaa irratti dhukaasa banuun warra madeesse keessaa

1, Obboo Hundarraa Caalee fi  Haadhamana isaa Addee Gammadee Wandimmuu

2. Obboo Huseen Mohaamed Ollaa Obboo Hundaarraaffaa kan ta’ee

Yeroo ta’an  ummanni naannoo kanaa waraanni kun hatattamaan naannicha akka gadhiisuu fi humna addaa WBO waliin ta’uun sochii itti fufeen Wayyaaneen naannicha irraa baqattee yaatee akka jirtu gabaasi nu gahe addeessa. Humni waranaa Wayyaanee Onaa Haroo limmuu bakka Darbaa jedhamuttii guraamee sakkatta’insaan ummaataa jeeqaa jira, Ummaanniis jalaa dhaabbaatee Waraannii wayyaanee atattaamaan naannoo san gadhiisee akka bahuu fi inveesterri kamiinuu dachii Oromoo irratti ummata buqisuun humna namaa fi dachii keenyaa saamuun amma irraa haadhabbatu sababa jedhuun diddaa itti fufanii jiru.

Gama kaaniin mormiin ummataa osoo kanaan jiru Hagayya 09,2012 waraannii dabalataan garaa Darbaattii geeffaamaa kan jiruuf basaasan Wayyaanee tokkoo yeroo hedduu ummaataa keessaa deemuun kan uummataa basasuu kan maqaan  Mollaa Barriihuun jedhamuu waraanaa wayyaaneetiif asiif achii figee utuu ergamuu,nyaataa, bishaan,fi waan isaan barbachiisuu bakkaa qubannaa dabalatee tajaajila logestinii fi basaasummaa mara osoo godhaa jiruu, tarkaanfiin humnaa Addaatiin irraattii fudhatamen lubbuun isaa dhabamsiifame. Tarkaanfii humnaa addaa kanattii warannii Wayyaanee Onaa Haaroo limmuu Bakkaa Darbaa qubachuuf deemaa jiruu utuu lafaa sanaa hin ga’iin konkolaataa irraa bu’uun meeshaa of harkaa qaban of fulduraa qabuun ummata argan mara shakkaa fi sodaachaa akka jiran odeessi nu gahe addeessa.

4 thoughts on “Wallagga Onaa Haroo Limmuu Keessatti humni Addaa WBO Injifatnoo Irratti Injifatnoo Goonfachaa Jira. Ummaanis diddaa Jabeessee.

  1. Sirrii dha. Riqicha TPLF kan taate yoo Oromia keessaa balleessan, wayyaaneen guyyaa saafaa biyya isheetti deebiti. Kana booda bilisummaa Oromoo dura kan dhaabatu hundaaf akeekkachiisi hin barbaachisu. Haxa’uu dha. Tarkaanfiin wal-fakkaatu mara Oromia keessatti deemuu qaba. Haa ta’u malee, oduu kana kan argatan Oromooti hammam jettani yaaddu? Please, promote your mechanism to access to Oromo people. I am getting this news through internet access at my institution.

    Rabbi isin haa eebbisu
    Oromiyaan ilmaan isheen ni bilisoomti!
    Nagaatti

Leave a comment