Harargee Dhihaa Keessatti Sochiin Warraaqsa Qeerroo Babaldhate

Hagayya 10,2012 Daaroo Labuu

Hagayya 10 gabaasaa Harargee Dhiyaa irraa nu gaheen , waraqaaleen qabsoo uummatatti raabsamuu, waamichi qabsoo uummata Oromoof akka raawwatamaa oole gabaasnee jirra. Akkuma itti fufetti waraqaan kun barattootaan ona Baabbilee fi Chirootti heddummatee akka raabsamaa oole, kunis naannoo masgiida fi bakkoota adda addaa keessatti jaallen miseensotiin qeerroo amantaa musiliimaa hordofan qabatanii uummata  gidduutti raabsaa akka oolan, akkasuma ona Daaroo Labuuttis qeerroon waraqaa qeerroo  geessuun uummata ona kana irra jiruuf raabsaa akka oolan gabaasaan nu gahaa jira. Waraqaa ona Daaroo Labuutti geeffamuun uummatatti raabsameen milishootni ona sanaa mufatanii akka jiran, qeerroo waraqaa kana raabses qabuuf yaalanillee sodaa kaka’umsa uummataa shakkaniin homaa gochuuf akka hin dandeenye, uummata keessaa eenyuun qabanii  eenyuun akka dhiisan walii wallaalanii, booda irratti gara uumattaatti makamuudhaan raabsa waraqaa kanatti yaada guutuun akka hirmaannaa godhan gabaasaan addeessa.  Sochii kanattu milishootni ona Daaroo Labuu keessa jiratan namni 7 sochii uummataa kanatti akka hirmaatan gabaasaan nu gahe.

Leave a comment