Hagayya 11,2012 Mattuu
Gabaasaa G/Illuu Abbaa Booraa irraa Hagayya 10 addeessuun barattootni koolleejjii fi yuuniversitilee gara garaa irraa galan walitti dhufanii guyyaa eebbaa sababa jedhuun walitti akka dhufan gabaasi addeessa; Barattootni kunis nyaata aadaa hojjetanii,uffannaa aadaa Oromoon miidhaganii,sirboota qabsoo qindeessuudhaan,waraqaa dhaadannoo Qeerroo waliin ta’uun qopheessuun mamaxxansuudhaan diraamaa mata dureen isaa TOKKUMMAA FEDHANII, TOKKO TAUU HIN DHABANI jedhu qopheesuun ummata bakka eebba kanaatti argamee fi sabboontota kaaniif gammachiisuu fi tokkummaa Oromoo irratti barnoota gahaa kennaa turan. Akkasuma geerarsa akkana jedhus barattootni kun wal tauudhaan uummataaf dhiyeessan akkana jedha:
Gammoojjii jirbiin toobbaa nama duwwaa deemun arge;
Baddaa Faradoota guutuun nama lafoo deemuun arge;
Oromiyaa soorettii badhaatuu, lammii beelaun arge;
Xuqii ilaalikaa, rasaasa xuqaatu kaasa,dhiira xuxxuqaatu kaasa;
Xuqanii na kaasanii, biyyaa na caalasanii;
Namni biyyaa bahee, yaa qeerrro hin ciisa malee hin rafuu;
Guyyaa eegdi malee haalokoo nan bahaa, roorrifamee hin hafuu;
Lafaa fi qooxii hin beeknu surree fi kootii malee;
Garee fi Gooxi hin beeknu lammiikooti malee;
Jarri garaan harree, kan nyaatanii hin hare;
Ormaaf kaachaa jiru haras of hin barre;
Magaalatti hirkatanii boodee lagatti galti;
Hattuun mariyatanii booddee namatti malti;
Osoo ganamaan haranii balballi raaree hin taatu;
Otoo kan darbe ilaalanii,kan dhufu beekanii,galgalli waaee hin taatuu;
Yaa Qeerroo Oromoo maalif raftaree hin kaatuu?????
Jedhuun ergaa kana jedhu dabarsuu ummata gammachiisuu fi onnachiisaa akka turan qeerroon magaalaa Mattuu gabaasa. Lukkeeleen diinaa haala kana basaasuuf naannichatti argamtes homaa tokko osoo hin godhiin naannicha irraa deemtee jirti.