Godina Iluu Abbaa Booraa Keessatti Sabboontoti Maqaa ABOn Himatamuun Hidhaman

Hagayya 11,2012 Mattuu

Mootummaan Wayyaanee erga aangootti bahee kaasee uummatni biyyattii keessaa nagaan jirtaatee hin beeku,hidhaa,beela,gadadoo fi baqaan biyyattiin rakkoo hin jirre keessa galte.  Gartuun EPRDF ergamtootaa fi tajaajiltoota sirnichaa qabeenya ilmaan Oromoo akka saaman gochuun uummatni akka walitti bu’u,nagaan akka hin uumamne,tokkummaan akka badu taasisaa ture.Har’as itti jira.Godina Iluu abbaa Booraa aanaa Mattuu magaala Mattuu keessatti  sabboontota Oromoo qabeenyi isaanii Inveesteroota Habashootaan akka dhuunfatamu taasifaman diddaa dhageessisan.

Haala kanaan  Wayyaanee gaaffii ilmaan Oromoo gaafatan kun gaaffii ABOti jechuun sabboontota ummata ijaartanii diddaa nurratti kakkasiftan sababa jedhuun hidhaman kanneen  hidhaman baay’inaan 12 yoommuu tahan isaan keessaa ammatti gabaasi nu gahe.

1.      Obbo Addisuu Taaddasaa daldalaa magaala mattuu irraa

2.      Obbo Geetinnet Suleeyman Daldalaa

3.      Obbo Fedhasaa Suleeyman

Keessatti argamu.Ilmaan Oromoo hidhaman gaaffiin keenya gaaffii mirgaa tahuu waan beeknuuf waan duuba nu deebisu hin jiru,Qabeenyi keenya alagootaan hin saamamu,Nuyi namoota nagaatti hin buunu jedhanii jiran.Yeroodhaa yerootti diddaa naannoo kanatti jabaachaa dhufeen mootummaan Wayyaanee kan baarage waraana hedduumminaan qubachiisuu qeerroon naannoo kanaa gabaasa!

Leave a comment