Hagayya 10,2012 Ciroo
Gabaasaa G/Harargee Dhiyaa irraa ganama kana Hagayya 10 nugahaa jiru, ona Chiroo fi Ona Bookee jedhamu keessa qeerroon barattoota ona sana keessa jiru waliin walitti dhufuudhaan ganama obboroo sa’a 12:00 irraa kaanii waraqaa qabsoo magaalota keessa bittimsuu eegalanii jiru. Waraqaan kunis dhaadannoo akkana jedhuun kan barreeffamee bakkoota adda addaatti maxxanfamaa jiruudha jedha qeerroon onoota kana irraa gabaasaa addeessaa jiru.Dhaadannoon kunis:
Walabummaa fi Bilisummaan Uummata Oromoof!!
Oromiyaan Ni Bilisoomti!
Qabsoon Hamma Duaatti!!
Injifachuun Ilmaan Oromoof!!
Injifatamuun Diina Oromoof!!
Jedhu barreessuudhaan bakka hedduutti maxxansuudhaan barruulee qeerroo ammo uummatatti raabsaa akka jiran gabaasaan addeessa. Akkasuma abbootiin qabeenyaa ona Chiroo keessa jiraatan gariin waamicha QBOf waraqaa xixiqqaa bifa post cardin qopheessuudhaan uummata hundatti akka raabsamu taasisaa gumaacha dandayan qabsoof gochaa akka jiran beekame. Cardin kunis kan jedhu “QBO tti hiriiruuf gahee fi muuxannoo qabduun ka’I” kan jedhu beeksisa.
Haaluma kanaan waamichi fi raabsi barruulee godina kana keessatti har’a bakka manneen sagadaa musiliimaatti akka itti fufu waraqaa hedduu qopheessuudhaan akka jiran Qeerroon gabaasee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof!! Gadaan Gadaa Bilisummaati!!