Hagayya 09,2012 Giddaa Ayyaana
Godina Wallagga bahaa keessatti diddaan uummataa haalaan jabaachaa dhufuun uummatni oromoo gara Roorroo of irraa ittisuutti seenee jira.Aanaa Giddaa Ayyaanaa Magaala Giddaa keessatti yeroo dheeraaf mirga mootummaa garboomfataa wayyaanee tahee hojjechaa kan ture obbo Darajjee Taaddasaa jedhamu iratti tarkaanfii qabeenyi isaas barbadaa’ee jira.
Haaluma Wal fakkaatuun aanaa Eebantuu bakka Gatamaa Waaqoo jedhamutti waraanni mootummaa Wayyaanee ilmaa oromoo meeshaa waraanaa qabdu jechuun sakatta’uuf bobba’e hagayya 08/20-12 milishoota gandaa waliin dhukaasa walitti bananii jiran. Oduu dabalataan aanaa Haroo Limmuu bakka Darbaa jedhamutti basaasni mootummaa wayyaanee Sexxeny Abiraah jedhamu irree uummataan rukkutamee jira.Basaasni mootummaa wayyaanee kun yeroo dheeraaf ilmaan Oromoo mana hidhaatti guursisaa kan ture yoommuu tahu waraana Wayyaanee dhoksuun ilmaan Oromoo mana hidhaatti ukkaamsisuuf ganda keessa osoo deemuu hordoffii taasifameen tarkaaanfii irratti fudhatameen mana yaalaa gara Naqqamtee fudhatamee jira.