Hagayya 09,2012 Mattuu
Gabaasaa godina Illuu Abbaa Booraa Hagayya 7 addeessuun kan nugahee jiru shakkii yerootiin wal qabsiisee akkasuma sochii qeerroo godina sana irra jiruun shakkii keessaa galuudhaan kamiin qabee kamiin akka dhiisu walii wallaalee jira sababaa ta’eef amma gara manneen amantaa cufiisuutti akka deemaa jiru; kunoo qeerroon akka addeessutti godina kana keessatti mana sagadaa Makkaana Yesuus ona Buree keessatti argamu ABO tu isin keessa jira jechuudhaan manneen sagadaa kanas cufsiisuuf yaalu illee diddaa uummataa fi dargaggoota ona sana irra jiruun feshelate yoo ta’u shakkii namoota itti gaafatamoo mana sagadaa san irraatti qaban qorannoo cimaa irratti gaggeessaa akka jiru gabaasaan addeessaa jira. Qorannoon isaa kunis ABOn bifa jijjiirratee isin waliin tokkummaa uumee isin waliin akka jiru shakkii qabna, kanaaf nuuf himaa kan jedhuun gaaffi amantoota mana sagadaa kanaa sakatta’uu karoorfatee akka ka’ee jiru gabaasaan addeessa. Namootni shakkii kanaan qorannaa jala galanii jiranis waldaa amantaa sana keessatti adda duree ta’anii kan jiran namoota sadii, isaanis
1.Obbo Qancaraa Bulgaasaa
2.Paaster; Niftaaluu Bariisoo
3.Luba Namarraa Nagaasaa
Jedhaman kun mootummaa wayyaanee biratti maqaa shakkii ABO tiin qorannoo jala galanii jiru jedhama. Namootni kunis Oromummaa isaaniitin waan boonaniif mana sagadaa keessan keessa ABO galchitanii jirtu jechuudhaan mana sagadaa kana sakatta’uuf akka deemamu qeerroon gabaasa. Akkasuma uummataniis hata’u qeerroo yookanis humna addaa godina sana irra jiruunis haa raawwatamu malee qaamni hin beekamne daandii konkolaataa magaalaa Mattuu fi Gambeela gidduu wal quunnamsiistu kaleessa halkan irraa ka’ee mukkeen jigsuudhaan, daandii boollessuudhaan daandiin hojjetootni mootummaa wayyaanee irraa deemtu cufamee hamma har’a( Hagayya 6-7) waaree boodatti konkolaataan daandii gubbaa irraa dhaabachaa akka oolte qeerroon gabaasee jira. Mukkeen jigfamanii jiranis mukoota gurguddoo 11 yoo ta’u mootummaan nama itti bitee waaree kana booda karaa irraa mursiisaa akka oole qeerroon gabaasa. Qaamni kana raawwate mootummaa wayyaaneetin sakatta’amus eenyummaan isaa hin beekamin jira.
Qabsoon itti fufa!! Gabrummaan ni kufa!!