Hagayya 08,2012 Dambi Dolloo
Gabaasaa Qellem ,ona Anfilloo irraa addeessuun ammo, Hagayya 1 irraa kaasee mootummaan Wayyaanee waraana isaa gadi dachaasaa akka jiruu fi humni WBO guddaan daangaa ce’ee biyya seene sababaa jedhuun jeequmsa guddaa keessa akka galee jiru gabaasi qeerroo yeroo darbees ta’e dabalata addeessa.
Yeroo ammaa kanatti magaalota akka magaala Anfilloo;Muggi,Ash,Gargeeda,daandii gara Sudaanitti geessu Yaanqi bakka jedhamu fi daandii Gidaamii fi Anfilloo Gargeeda keessa kutuun wal agarsiisu waraanni Wayyaanee heddummatee namni karaa deemu illee dhabee akka jiru gabaasan addeessa. Keessumaa sochii uummata ganda Gargeedaa shakkuudhaan ganda sana keessa namni galgala sa’a 1 booda akka hin deemne ta’eetu jira. Humna addaa guyyaa lamaa asitti ona Anfilloo irratti ramadaa akka jiru qeerroon ona Anfilloo gabaaseen addeessa.
Haala kanaan gabaasi ummata keessaa qeerroo gahe akka addeessutti sababuma kanaan humni addaa WBO ona Anfillo irra jiruu fi kan magaalaa Qellem irra jiru ummata waliin walitti dhufee bakkoota adda addaatti mari’achaa akka jiru,ummannii fi humni addaa wal keessa waan jiruuf haala itti diina Oromiyaa irraa buqisanii mirga hiree murteeffannaa ummatootaa kabachiisan irratti ejjenno fudhatanii waraana wayyaanee dura dhaabbachuuf waadaa walii galuu gabaafame.
Huni addaa ummata keessa jira,ummanni ammoo humna addaa keessa jira,mootummaa kamiinuu ta’e duulli waraana wayyaanee adda baasuu hin dandayu,hamma gaaffiin ummata Oromoo deebii argatutti qasoon itti fufa kan jedhe qeerroon waraanni Wayyaanees ABOtu daangaa ce’ee humanba guddaa biyya seene kan jedhuun jeeqamaa akka jiru addeessa.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!
ITTI JABAADHU WBO EENYUMTUU ISIIN FAANA BUUNEE DIINAA KEENYAA INJIFACHUU QABNA.
YOOMIYYUU TAANAAN ORMIYAAN KAN OROMOOTTTTTTTTTTTI!
GADAAN GADAAN GADAA BILISUMMAATI
INJIFANNOO UMMATA OROMOOF
JALALE JEMAL