GADAA + 150 – GADAA

GADAA + 150 – GADAA

YY.GMD(2005)
Diddaan Goobanummaa odoo Biyyaa nu hin baasiin, “BOKKUUN CITTUU” Bara dheeraa booda deebi’uuf jennaan , Hojiima Gaazexessummaa kanaan, Xuqur Incinniitti argamnee gabaasu keenya nan yaadadha. Gaazexessitoonni Oromoo Raadiyoo, Gaazexaa, TV keessa hojjatan hundi , waa’ee GADAA ilaalchisee sagantaa hojjachuuf fedhiin qaban kana jedhee ibsuun na rakkisa. waa’ee aadaa isaaniis akkasuma.
Ummanni Oromoo , kan Oromummaa isaaf hubannoo qabu hundi , Gadaaf ilaalchi qabu, maaliin akka madaalamu ibsuun na rakkisa. Ummati kun Gadaan maal akka fakkaatu fi akkamiin akka ittiin bulu odoo hin dhadhamiin ni jaallata. Jaalallii kun garuu akka natti fakkaatutti , Bara Gadaan ture jabiinaa fi tokkummaa UMMATICHAA irraa ka’ee kan hawwu nattii fakkaata. Kan caalaatti na dhibaa jiraatu ammoo, dhalooti har’aa akka dhaloota duraanii keessa jiraate odoo hin argiin, argaa dhageettiin qofaa mararfachuu fi ittin buluu akka barbaadu ibsachuuf of kennee falmaa jiraachuu isaatii. GADAA 150 GADAA

Leave a comment