Duula Daa’imman Baqataa Oromoo Gubuu irratti Xiyyeeffate

Duula Daa’imman Baqataa Oromoo Gubuu irratti Xiyyeeffate,   Hagayya 06,2012

This slideshow requires JavaScript.

Oromoon dhibedee cunqursitoota sirna Habashaa jalaa bakkoottan itti baqatu keessaa takka biyya ollaa isaatti argamtu tan yeroo ammaa SomaliLand ofiin jettuu fi ummanni naannoo Hargeisa jedhee waamuu dha. Garuu biyya Oromoon miidhaa isaarraa hafuura itti baafatuu fi tan hawaasni addunyaa ilaalchaa fi tika kennuuf osoo hin tahin, biyya Itophiyaa waliin wal tahuudhaan miidhaa adda addaa baqataa Oromoo irratti geggeessaa jirtu taateetu beekkamti.
Gochaalee gara-jabeenyaa kan ammaan dura bifa qindaawe kanaan geggeeffaman keessaa nama Oromoo kan lafoota qonnaatti kuulii hojjatanii jiraatan, yeroo kaffaltiirratti waldhabanfaa, summii nyaachisanii fixaniiru, kan rasaasaan rukutanii ajjeesan herrega hin qabu, kana malees kan akkaan nama laalessu warra/maatii tokko ilmaan isaanii lamaa waliin 2010 keessa mana (dasee) duubaan itti cufuudhaan gubanii fixaniiru. Oromoo arrabsuun, xiqqeessuu fi akka hawaasni Soomalii ija diinummaatiin ilaalu gochuun hojii dhaabbataa biyya tana keessatti geggeeffamaa turee fi jiruudha. Wanni ajaa’ibaa gochaa farra ilma-namaa taate tun yeroo hojjetamtu maqumaafillee inni badii hojjatu bakka seeraatti dhihaatee kan gaafatamu hin turre.Duula Daa’imman Baqataa Oromoo Gubuu Irratti Xiyyeeffate

Leave a comment