Waraqaaleen dhaadannoo garaa garaa Oromiyaa bakkeewwan hedduutti maxxanfaman.Wayyaaneen kana irraa rifachuun waraana isaa bobbaasuun funaansisuuf dirqame!‏

Hagayya 06,2012 Fifinnee, Waraqaan dhaadannoo garaa garaan Magaalota Oromiyaa hedduu keessatti maxxanfame.Handhuura Oromiyaa magaala Finfinnee keessatti waraqaan dhaadannoo hedduumminaan Hagayya 04/2012 halkan keessaa sa’a 10:00 irraa kaasee haalaan kan maxxanfame yoommuu tahu Finfinnee keessatti Markaatoo,Piyaassaa,Qaallittii,Gullallee,Abinnetii yuunivarsiitiilee Kiiloo afur,shanii fi jaha biratti hedduumminaan maxxanfamanii jiran.

Waraqaa maxxanfamaniin mootummaan wayyaanee dhiphuu guddaa keessa seenuun waraanni waraqaalee poolii irraa fi bakkeewwan beeksisni itti maxxanfaman mara irra deemuun dubbisuu fi buqqisuuf dirqamee jira.Namootni hojii daldalaaf waraqaalee maxxansanis sakatta’amaa jiru.Waraqaaleen dhaadannoo
• Oromiyaan ni bilisoomti,Oromia shall be free
• Garboomfataan ni kufa,Bilisummaan ni dhufa
• Gaaffii mirgaa hidhaa fi ajjeechaan dhaabuu hin danda’u
• Lama du’uun salphina
• Mootummaan wayyaanee garboomfataa dha
• OPDON Hirkattuu dha
• Qeerroon Oromiyaa ni bilisoomsa
• WBO gaachana ilmaan oromooti!
• Dhaabni siyaasaa ilmaan oromoo ABOti!
• Bilisaan dhalatanii garboomuun salphina
• Qeerroo,Yeroon isaa amma ka’i!
• Oromiyaan kan oromooti!
• Stop killing oromo!
Jedhan hedduumminaan copy tahuudhaan magaala Finfinnee keessatti mxxanfamanii jiran.Dhaadannoowwan wal fakkaataan magaala Dirree Dawaa ganda Qoree,yuunivarsiitii fig alma magaala Dirree dawaattis hedduumminaan maxxanfamanii jiran.Waraqaaleen dhaadannoo magaala shaashimannee,Amboo,Adaamaa,Ayiraa,Shaambuu fi Mattuu keessatti maxxanfamanii jiran.

Leave a comment